28/08/2025
Miidhaa kaayyoo dhabuu.
====================
kitaaba: " Jirrenya keetii murteessi"
Jedhu keessa kan fudhatame.
Qalbiin abdii kutuun haguuggamte, furmaatatti yaaduuf carraa hin argattu.
Milkaa’ina dhabuun ammatti hojjachuu dadhabuu osoo hin ta’in, gonkumaa akka hin hojjannetti yaadudha.
Bakki rakkoon hanqina yaada irraa burqu kaayyoo dhabuu irraa ka’a.
Hubannoo keenya keessatti rakkoolee walitti qabaman garmalee olguddisna. Isaan furuuf sababa furmaata hin qabnetti dheessina. Yaaduu fi furmaata barbaaduun, carraaqqii bu’aa homaatu hin buusne akka ta’eetti ilaalla. Sababa kaayyoo hin qabneef jecha.
Akkuma Tolstoy jedhe: “Namni hunduu namoota biroo jijjiruuf yaada, garuu eenyullee of jijjiruuf hin yaadu.” Yeroo hundaa akka sinbirroo waccuu xurii siyaasaa odeessina.Rakkoon namaa yeroo hedduu waan isa hin ilaalle keessa seenee wacuuf waan bakka jiru kaayyoo irra hin beekneefi.
Bakka kanaa, siyaasaa qulqulluuf xalayaadhaan ykn bilbilaan warra siyaasaatiif yaada gaarii haa kenninu.
Naamusa dhabuun babal’achuu irraa kan ka’e himannaa dhiyeessinee dhaabbanna.
Wanti sirriin hamaa arraba keenya keessa jiruu waliin qabsaa’udha.
TV ilaalu irraa kan ka’ee ijoollee teenya barsiisuuf yeroo hin argannu.
Wanta sirrii hojjachuuf haa tattaafannu.Namni kaayyoo qabu ilmaan isaafii maatii isaa akka itti qabatu beeka.
Namoota garii keessatti rakkoon gara wanta yeroo hundaa yaadatanitti jijjirama.
Rakkoo si’a tokkoof qaama isaanii irra gahe sammuu isaanii keessaa waamuun qalbii isaanii keessa akka jiraatu taasisu.
Rakkoo isaaniitiif furmaata barbaadu dhiisanii hadhaa rakkoo irra deddeebi’uun itti xiyyeefatu.
Akkasi mitii? Asitti kuni garmalee barbaachisaadha.Rakkoolee sammuu keenya keessatti tuulamanitti garmalee yaaduun dhiphinna (stress) dabala.
Dhiphinni baay’een yaa’insa yaadaa fi wantoota fofokkatoof nama saaxila.