Journalist Abdi

Journalist Abdi Follow and like this page to get the latest news,updates, news from the media, short videos,news post

Baankiin Daldala Itoophiyaa Distiriktii Baalee Roobee tajaajila faaynaansii hirmaachisaafi dhaqqabamaa taasisuuf hojiile...
14/01/2026

Baankiin Daldala Itoophiyaa Distiriktii Baalee Roobee tajaajila faaynaansii hirmaachisaafi dhaqqabamaa taasisuuf hojiilee hojjachaa jiru cimsee kan ittifufu ta'uu ibse.

Baankichi Qonnaan bultoota Baalee lamaanii lafa qonnaa xixiqqaa qaban liqii mallaqaan deeggaruu haala danda'amurratti mari'achuun Bulchiinsa Godina Baalee wajjiin waliigaltee hojiis mallatteessan.

Saganticharratti kan argaman Bulchaa Ittaanaan Godina Baalee Obbo Abrahaam Haylee akka jedhanitti, Mootummaan oomishtummaa qonnaan bulaa dabaluun ce'umsa qonnaa ariifachiisuuf inisheetiivii garagaraa hojirra oolchee bu'aa qabatamaa agarsiisaa dhufuu yaadachiisan.

Innisheetiiviin Liqii maallaqaa karaa salphaa ta'een qonnaan bultoota lafa qonnaa xixiqqaa qaban fayyadamoo taasisuuf Baankichaan mijataa jiru qaamuma tattaaffii kanaa ta'uus eeran.

Ittigaafatamaa ittaanaan Waajjira Qonnaa Godina Baalee Obbo Mu'aawiyaa Fu'aad gamasaaniitiin, waliigalteen kenna liqii qonnaan bultootaa Baankichaan mijate hojii seektara qonnaa kan si'oomsu ta'uu dubbatan.

Qonnaan bultoonni godinichaa keessattuu, hojiilee misooma midhaanii, beeyladaa, misooma bunaa irratti bobba'uun milkaa'uu danda'an kuma 5 ta'an marsaa jalqabaatiif calalamuun qophaa'uus himan.

Daarektarri Baankii Daldala Itoophiyaa Distiriktii Baalee Roobee Obbo Muhiddiin Gammadaa, Baankichi tajaajila faaynaansii hirmaachisaafi dhaqqabamaa taasisuuf hojiilee hojjachaa jiru cimsee ittifufuu dubbatan.

Keessattuu, Baankichi hawaasa qonnaan bulaa lafa qonnaa xixiqqaa qaban liqii faaynaansiin deeggaruun akka ofjijjiiraniif karoorfachuu eeran.

Bu'uruma kanaan qonnaan bultoota godinoota Baaleefi Baalee Bahaa kuma 60,000 ta'an liqii dhiheessuuf qooda fudhattoota wajjiin mari'achuun waliigaltee hojiis mallatteessuus eeran.

Tajaajila liqaa kanaan qonnaan bultoonni dhuunfaaf gareen lafa hektaara 2-30 qaban ijaaramuun qarshii miiliyoona 2 hanga 30 baankicharraa argachuu kan danda'an ta'uus akeekan.

Address

Addis Ababa

Telephone

+251919804365

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Journalist Abdi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share