20/06/2026
Gadda Onne Namaa CabsuðŸ˜ðŸ˜ðŸ˜. Biyyaa lafa ilaalii!!!!!!
isaa haa gahu ,haadha isaatifiis jannata. haa kennu.
"Waadaan Kee Hin Cabsamne Harmee!" Kaalid
Reeffa haadha isaa manatti dhiisuun waadaa haadhaaf gale eeguuf jecha, qormaata naannoo kutaa 8ffaa awwaalcha duraa fi awwaalcha booda kan fudhate Kaalid.
Kaalid mucaa umrii waggaa 14 yoo ta'u, obboloota isaa xixinnoo lama waliin Bulchiinsa Magaalaa Shaggar, Kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti haadha isaa wajjin jiraata ture. Abbaan isaa isaan irraa adda bahee magaalaa Jigjigaa keessa fuudhee jiraata.
Haati Kaalid dhukkubsattee osoo jirtuu, yoo wanti tokko narra gahe qormaata waggaa guutuu itti dadhabde akka addaan hin kunne jechuun waadaa irraa galchitee turte. Haati isaa qormaataaf sa'aatiiwwan muraasni yeroo hafu lubbuun ishee darbe.
Kaalid gadda guddaan goolamuyyuu , waadaa haadha isaaf gale kabajuuf reeffa ishee manatti dhiisee qormaata ganamaa fudhate. Waaree booda immoo haadha isaa boo'ichaan awwaalatee, deebi'uun qormaata waaree boodaa fudhateera. Qormaanni jireenyaa ganamaan mucaa umrii waggaa 14 eegale kun namoota hedduu gaddisiiseera.