Abdi abbagiddi

Abdi abbagiddi abdii

Ministry of Education EthiopiaFDRE Education and Training Authority-ETAMinistry of Health,EthiopiaFBC (Fana Broadcasting...
26/01/2026

Ministry of Education Ethiopia
FDRE Education and Training Authority-ETA
Ministry of Health,Ethiopia
FBC (Fana Broadcasting Corporate S.C.)
Etv Afaan Oromoo
Ethiopian Broadcasting Corporation
OBN Afaan Oromoo
Yegna Tikuret - የኛ ትኩረት
Abbay TV
Xalayyaa 👇
Ministeera barnootaa Itoophiyaaf

Dimmi isaa: Guyyaa qormaata bahiinsaa akka nubeeksistan gaafachuu taha.

Kun sagalee barattoota muummee hundumaa irraa Ji’a 5ffaatti qormaata bahiinsaa walakkeessa 2018 fudhattu jedhamnee irraati kan ergame.
Akka sagantaa isin ‘Academic Calendar‘ irratti barreesitanitti gaafa 11/5/2018 eegalee hanga 22tti jettanii gara dhaabbata barnoota olaanoo tahan kan dhuunfaaf mootummaatti ergitanii turtan, garuu hanga ammaa achi siqe kan jedhu oduu malee hanga ammaatti Yuunivarsiitii Jimmaa fi Wallaggaa irraan kan hafe isin irraa wanti jedhamne tokko hinjiru.
Haa ta’u malee, yeroo dhihoo asitti qormaata bahiinsaa yeroo dheeraa akkas fagaachuun isaa kan barame miti, akkasumas guyyaan isaa ifatti hin ibsamiin hafuun isaan rakkoo guddaa nurratti uumaa jira.
Rakkoon akkasii kunimmoo hariiroo barataa fi mootummaa gidduutti shakkii fi amanamummaa hir’isuu danda’a. Barattoonni hedduun mootummaa irraa odeeffannoo ifaa fi yeroo isaa eeggate barbaadee; dhabuun isaa mirga barattootaa cabsuu fakkaata.
Kanaaf kabajaan wanti nuti isin gaafannu tokko guyyaan qormaata bahiinsaa ifa bahee nutti ha himamu.
Xiinsammuun keenya miidhama jira, saganteeffannee dubbisuuf yaaddoo keessa gallee jirra.
Guyyaa qormaataa kana guyyaa lama sadii gidduutti tasa yoo nutti himame, nudhiphisuu mala, kana jechuun immoo carraa darbuuu keenyatti gufuu tahuu mala, kanaaf hatattamaan guyyaan qormaataa bahiinsaa walakkeessa Waggaa kana akka nutti himamu kabajaan isin gaafanna.
Nagaa Wajjin
Barattoota qormaata bahiinsaa qoramuuf eegaa jiran irra.
Share gochuun sagalee tahaafii
Please Confirm the Exit Exam Date!





 !----------------------Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf-------------------...
30/09/2025

!
----------------------
Barattoota Qabxii Qormaataa Avreejii 49.50% hanga 49.99% Galmeessisan Hundaaf
-----------------------
BBO- Fulbaana 20/2018 Barattoota Bara 2017 Qormaata Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa fudhachuun Qabxiin Qormaataa keessan avreejin 49.50% hanga 49.99% galmeessisan hunduu qabxiin keessan avreejiin isaa gara 50% tti kan ol siqe waan ta'eef Yunivarsiitii barachuuf dabartaniirtu!
Kanaafuu, Qabxii Yunivarsiitii isin galchu galmeessistanii jirtu.

!

Marsariitiin bu’aan qormaataa ittiin ilaallamu ifoomeFinfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Marsariitii bu’aan qormaata biy...
15/09/2025

Marsariitiin bu’aan qormaataa ittiin ilaallamu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 5, 2018 (FMC) – Marsariitii bu’aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 ittiin ilaallamu ifoomeera.

Barattoonni har’a waaree boodaa eegalanii marsariitii fi Teeleegiraama armaan gaditti eeramaniin bu’aa qabxii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uu Tajaajilli Barnootaa fi maddaallii Qormaatilee ifoomseera.

1. Marsariitii https://result.eaes.et

2. Teeleegiraamii፡ https://t.me/EAESbot

3. Ergaa gabaabaa ፡ 6284

Amboo fi Dodolaan bara kana injifannoon goolaban.Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa qabxii olaanaa galmeessuun Dodolaafi A...
14/09/2025

Amboo fi Dodolaan bara kana injifannoon goolaban.

Qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa qabxii olaanaa galmeessuun Dodolaafi Amboo Oromiyaa waamsisaniiru.

Bifuma kanaanis:

Mana barnootaa Ifa Boruu Dodolaa Dhiiraan qabxii 591 saayinsii Uumamaan tokkoffaa.

Mana Barbootaa Boordiingii Amboo Dhiiraan 562 Saayinsii uumamaan galmaa’eera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Oduu AmmeeBu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifoomaBu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa b...
13/09/2025

Oduu Ammee

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa boru ifooma

Bu'aan qabxii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 boru ifooma.

Qabxicha ilaalchisee boru waaree booda sa'aatii 10:00: eegalee ibsi kan kennamu ta'uu Ministeerri Barnootaa himeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

12/09/2025




Bu’aan kutaa 12ffaa haga yoonaa hin gadhiifamin jiraachuufi barattoota dabalatee maatiin barattootaa burjaajjii irraa akka of qusatan tajaajilli madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa dabarse.

Tibba qormaati gadhiifamuuf jedhu goyyomsaan akka heddummatu kan dhaaman aanga’ooni tajaajilichaa, bu’aa yeroon gadhiisuuf tattaaffii taassisaa jiraachuu himaniiru.

Qaammee 4/2017 ni gadhiifama jedhamee eegamaa kan ture qormaati biyyaalessaa, haala gaariin Qulqulleessuun gadhiisuuf jecha yeroo hin beekamnetti achi siquufi yeroo gadhiifamutti dursanii miidiyaalee biyyaalessaafi qabatamoo ta’aniif odeeffannoo akka kennan tajaajilichi beeksiseera.

Barattoonniifi maatiin barattootaa obsaan akka eegan dhaamameera.

Bara kana barattoonni kuma 500 fi 80 qormaata kana fudhachuun ni yaadatama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Abdi abbagiddi posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category