19/12/2025
"Halkan hirriba keessa abjuudhaan osoo haasoftuun dhaga'e" jedhee haadha manaa isaa ajj°ě°°ėse😭
Jamaal Abdurrazaaq jedhama. Jiraaraa Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhugoo Araddaa Haqaan jiraataa jedhamuu yoo ta'u, Haadha manaa isaa Urjii Abduljabbaar jedhamtuu fi Ilmoo tokko waliin qaban "Halkan hirriba keessa abjuudhaan osoo maqaa namaa waamtee dubbattuun dhaga'e" jechuun inaaffaan guutamee, gaafa 5/12/2017 halkan keessaa sa'a 8:00tti haala suukkanneessaan G0řራ'ee lubbuu ishee baasuun waajjira poolisiitti harka kennata!
Dhimmi isaa qoratamaa turee Ragaa Abbaa Alangaa fi jecha yakkamaa kanaa irratti hundaa'uun, Manni murtii Olaanaa Godina Harargee Lixaa dhaaddacha gaafa 7/4/2018 oolee hidhaa cimaa waggaa 23n akka adabamu murteesseera!
Garamitti deemaa jirra?😪
Alex Taye ✍️