Olifan Daba

Olifan Daba Gaariin Akka Waaqayyoo Hin Jiru!!

12/07/2026

Dhugichaaf dhugaa ba'uun itti fufa...

Garbichi Waaqayyoo Sabaaf Dhiphachuu IsaaIsaayaas 53:1Isa nuyi dhageenyee himneeenyutu amane?Irreen Waaqayyooseenyutti m...
12/07/2026

Garbichi Waaqayyoo Sabaaf Dhiphachuu Isaa

Isaayaas 53:1

Isa nuyi dhageenyee himne
eenyutu amane?
Irreen Waaqayyoos
eenyutti mul'ate?
2 Inni akka biqiltuu mukaatti
goofticha duratti ol in ba'a,
akka hidda mukaa
isa lafa gogaa
keessaa ba'uus in ta'a;
simboodhaa fi surraa waan hin qabneef,
nuyi isa ilaaluu hin jaallanne;
miidhagummaa waan hin qabneefis nu hin mararre;
3 namoonni isa tuffatanii
isa irraa in goran,
inni nama dhiphinnii fi muddamni
itti baay'ate ture;
inni akka nama tuffatanii,
achi ilaalanii bira darbanii in ta'e;
nuyis homaatti iyyuu isa hin lakkoofne.
*1 Yoh 12:38; Rom 10:16
*2 11:1
*3 Far 22:7

4 Inni garuu dhugumaan
dhiphina keenya of irra in kaa'e,
muddama keenyas in baate;
nuyi garuu akka waan
Waaqayyo dha'icha isatti fidee,
akka waan inni isa rukutee
gad isa deebisettis in lakkoofne.
5 Inni garuu balleessaa keenyaaf in waraaname,
sababii yakka keenyaafis reebamee in caccabsame;
nuyi nagaa akka argannuuf
inni in adabame,
madaa'uu isaatiinis fayyinni
nuuf in argame;
6 nuyi hundumti keenya
akka hoolotaa karaa irraa badnee turre,
adduma addaanis kara-karaa in gorre;
Waaqayyo garuu yakka hunduma keenyaa isa irra in kaa'e.
*4 Mat 8:17
*5 Rom 4:25; 1Phe 2:24
*6 1Phe 2:25; 2Qor 5:21

7 Isa in cunqursan, in dhiphisanis,
inni garuu waan tokko iyyuu hin dubbanne;
akkuma ilmoo hoolaa
ishee qalamuudhaaf geeffamtuutti in oofame,
akkuma hoolaan
yommuu rifeensa irraa muran
cal jettuus,
inni calluma jedhe malee,
afaan isaa hin saaqqanne.
8 Cunqursaadhaan itti faradamee in ajjeefame;
hidda dhaloota isaatii eenyutu hima ree?
Biyya warra jiraataa keessaa in balleeffame,
balleessaa saba kootiitiin
hamma du'aatti in adabame;
9 inni jal'ina tokko illee hin hojjenne,
gowwoomsaanis afaan isaa keessaa hin baane;
awwaalli isaa warra jal'oota
gidduutti yaadamee ture,
inni garuu warra sooressoota gidduutti in awwaalame.
*7 Mar 14:65; Yoh 1:29; Mul 5:6; HoE 8:32
*9 1Phe 2:22

10 Waaqayyo, “Isa ani dhiphise sana
caccabsuun jaalala koo in ta'e;
inni lubbuu isaa aarsaa
sababii yakkaatiif dhi'aatu
godhee yoo dhi'eesse,
sanyii isaa arguuf jira;
jabanni isaas in dheerataaf;
jaalalli koos karaa isaa in raawwatama;
11 dhiphina cimaa dhiphatee erga du'ee booddee
deebi'ee jiraataa ta'ee
garaa in ciibsata;
garbichi koo inni qajeelaan
beekumsa isaatiin namoota
baay'eedhaaf in farada,
yakka isaaniis isaaniif in baata;
12 inni cubbuu namoota baay'ee baatee,
waa'ee cubbuu isaaniitiifis
isaaniif in kadhate;
lubbuu isaa du'atti dabarsee kennee,
warra balleessaa qabanii wajjinis
waan lakkaa'ameef,
ani qooda isaa warra gurguddootaa
wajjin nan godhaaf,
warra jajjaboo wajjinis
boojuu in hirmaata” jedhe.
*10 Mat 20:28; Gal 1:4; 1Yoh 2:2
*11 Yoh 1:29; Rom 5:19
*12 Mat 27:38; Mar 15:28; Luq 22:37

11/07/2026

YouTube jedhu kana irratti hojjechuu waanan barbaaduuf deemaa Naaf godhaa jala seenaa jedhaa barreessaa Eebbifama🙏🥰

 Falfala baay'ee siin miliqee Har'a oolchuukeef haaraa hin ta'uGaaddidduukeettan da'eeffadheem Du'an jibbaa itti harka k...
10/07/2026



Falfala baay'ee siin miliqee
Har'a oolchuukeef haaraa hin ta'u
Gaaddidduukeettan da'eeffadheem
Du'an jibbaa itti harka kennadhu

Cimaa sinqabneef cimaa ture
Inni ani laafaan lufee dhufe
Hanqinakoof kufeen argamaam
Isan sitti ida'amee dhufee

08/07/2026

Nuti yeroo hundumaa, karaa social media keenyaas karaa nuuf danda'ame maraan, gooftaadha jechuu hin dhiifnu!

  jireenya jedhee harki barreesse haa Eebbifamu!
08/07/2026

jireenya jedhee harki barreesse haa Eebbifamu!

07/07/2026

Filiphisiiyus 4:8

Ammas yaa obboloota ko, waa'ee waanuma dhugaa ta'ee, waanuma ulfina qabuu, waanuma qajeelaatti lakkaa'amuu, waanuma qulqulluu ta'ee, waanuma jaallatamaa, waanuma gurratti toluu, waanuma gaarii ta'ee, waanuma galata qabuu yaadaa!

Filiphisiiyus 4:13Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.
06/07/2026

Filiphisiiyus 4:13

Jabina gooftaan anaaf kennuun waan hundumaa gochuu nan danda'a.

05/07/2026

Maafan Gaaffii Namnuu FlDeebisuufi Firoomakeetti Kosii Hara! Yohanis TolesaBarrikee Haa Eebbifamu🔥♥️

Otoo hin qabdu ati hojii kee keessaSirrii dha kee carii makaa hin qabneEenyuun hin qeeqamu bulchisnikeeBulchitootaaf mat...
04/07/2026

Otoo hin qabdu ati hojii kee keessa
Sirrii dha kee carii makaa hin qabne
Eenyuun hin qeeqamu bulchisnikee
Bulchitootaaf mataan si mitiire

Qajeelaakoo qajelaako Yesuus qajelaako
situ naaf guute mara kajeellaakoo
Qajeelaakoo qajeelaakoo yesuus qajelaako
Sit naaf dhufe gaafa qimmiiddaakoo

Address

Ambo
Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Olifan Daba posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share