Aartii FUGUG

Aartii FUGUG Understanding is an Art❗️

Congratulations Birraa Jemal Kitaabni HANGA KEE BEEKI ja’u dadhabbii yeroo dheeraa booda maxxanfame 🙌Jireenya keessatti ...
10/12/2025

Congratulations Birraa Jemal

Kitaabni HANGA KEE BEEKI ja’u dadhabbii yeroo dheeraa booda maxxanfame 🙌

Jireenya keessatti wanni haarawni hundi yeroo jalqaban ni ulfaatti. Daandiin haarawni hanga bartutti irra deemuun si dhiba. Kitaaba jalqabaa eegalanii xumuruun gatii guddaa nama gaafata. Hunda kafalanii injifachuun immoo hedduu nama gammachiisa.

Dubbiftoota fi dinqisiifattoonni baga gammaddan. Kitaabichi hunda keessan Bakkuma jirtanitti isin gaha.

Cover design: Ifaa Amiin 🙏

02/12/2025
02/12/2025

Dookmantarii Filmiin Wareegamtoota Qabrii Soddomaa guyyoota 820 fudhate qophaahee jiraachuun dhagayame

Lami Media, ( Mud 2/2025 ), Qabriin Soddomaa iddoo Awwa-lcha gootota ilmaan Oromoo bara 1970'ota keessa Godina Harargee Lixaa Aanaa Daroo Labuutti mootummaan Abbaa Irree-tiin wareegaman, gootonni Oromoo 30 boo-lla tokkotti Awwalaman yoo tahu, seenaan wareegama ilmaan Oromoo boo-lla tokkotti Awwaa-lamanii wagga 2 dura Kitaabni Seenaa Qabrii Soddomaa Fixa-Baas Muussee Usmaaniin barraahuun ummata bira gahuun ni yaadatama.

Turtii ji'oota hedduu kan fudhate seenaan wareegamtoota qabrii Soddamaa akkasumaas qabsoon gootota qabrii soddomaa turtii ji’a 27 ykn guyyoota 820 fudhate qophaayee ummata biraan gahuuf qophiirra jiraachuun ibsame.

Dokmantariin Filmiin Seenaa wareegamtoota Qabrii Soddomaa kun barreessaa kitaabichaa kan ture Usmaan ( Gurraacha Oromoo Afrikaa )'tiin kan qophaaye yoo tahu, filmii seenaa kana keessa taatewwan qabsoo Oromoo keessattuu kan Oromoota bara san gatiin wareegama lubbuu kafalan kan dhiyaatu tahuunsaas ibsameeti jira.

Filmi Dookmantarii Qabrii Soddomaa Gurraacha Oromoo Afrikaa
02/12/2025

Filmi Dookmantarii Qabrii Soddomaa
Gurraacha Oromoo Afrikaa

Address


Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Aartii FUGUG posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

  • Want your business to be the top-listed Photography Service?

Share