15/10/2025
MILKAA'INAA JECHUUN SIIF MAALII ?
"Milkaa'inni waa'ee mirkaneessuu alaa osoo hin taane, raawwii keessooti.
"Milkaa'inni karaa gabaabaa osoo hin taane, qormaata keessa darbuudha.
"Milkaa'inni waa'ee dorgommii osoo hin taane, tumsa guddummaatti nama geessudha.
"Milkaa'inni baay'ina bu'aa ba'ii osoo hin taane, qulqullina amala keetii ti.
"Milkaa'inni waa'ee bakka deemtu osoo hin taane, guddinaa fi jijjiirama ati keessa darbitudha.
Waan ta'uu barbaaddu har'uma shaakali!
Tasumaa nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin!
Jechoota mogolee si buusaniif bakka hin laatiin!
Jechaa fi gochaan kan si miidhe ijaa bahuuf hin yaaliin! Humnaaf yeroo kees hin fixin!
Wantoota barbaaddee har'a dhabdeef hin dhiphatin, hojjennaan bor ni argattaati! Sababnisaa itti deemaa jirta malee bira hin darbine! Wacaa fi huursa yeroo duukaa hin bu'in!
Sababnisaa, waabeenuu saafaa huursitiiti!
Dubbii galumsa malee hin dubbatin, hojiitti garuu hin dhibaa'in!
Waan balleessitee sirrachuu hin dandeenyeef hin dhiphatin, waan gaarii biraa hojjettee bakka buuftaati.
Akkuma bishaan darbe hin waraabne dogoggora darbe yaadaa hin oolin, waan gaarii baay'eetu dura kee jiraati!
Nama namummaa isaa qofaaf kabaji, atis akkasuma kabajamtaati.
Qabeenya qabdu caalaa namatu siif caala waan ta'eef, nama si bira jiruuf iddoo guddaa kenni!
Miidhama sirra gahe haaraa gootee hin ilaaliin, siif jalqaba yoo ta'eyyuu kan akkasii nama hedduurratti ta'eeraati.
Akka waan barri hin darbineetti, namatti hin darbiin, barichis namichis darbee ijaa si ba'aati.
Nama si caalu sodaadhu, yeroof si miidhuu danda'aati.
Nama sii gadii kabaji, bor si caaluu danda'aati.
Waan sin galchine keessa hin galiin, keessaa bahuu dadhabdee gatiis si baasisaati.
Akkuma ofii waan gaarii barbaaddu namaafis waan gaarii yaadi!
Tasumaa ofirrattis ta'ee namarratti waan hamaa
gochuuf hin yaadiin, sammuu kee dadhabsiisaati! Bu'aa ba'iin baay'atus karaa sirriirra jirta taanaan galma kee inuma geessa.
Namarraa waa barachuun danda'amus akka nama biraatti jiraachuufi hojjechuurra akka ofiitti jiraachuuf hojjechuun milkaa'ina kee ariiffachiisa.
Hammam namatti dhiyaattee namnis sitti dhiyaatu
icciitii dhuunfaa kee eeggadhu. Rakkina biraarraa si hambisa.
Namaaf jettee waan keessi kee itti hin amanne tasumaa hin raawwatiin.
Namaafis ta'e ofii keef amanamaa ta'i; namas jaalladhu. Garuu, namni biraa akka kooti jettee gochaarrattis ta'e dubbiirratti hin amaniin.
Nama si miidheef dhiifama godhiif malee haaloo itti hin qabatiin. Kun akka nama ofii summii dhugee namni biraa akka du'u eeguuti.
Dandeettii kee ofirratti hin beektu yoo ta'e nama biraa gaafadhu. Sababnisaa, kan ati ofirratti hin beekne namatu sirratti bara waan ta'eef.
Namni si waliin kolfee haasa'eef gaarii sitti hin fakkaatiin. Sababnisaa, Waaqa addaataa roobuufi nama kokkolfaa nama miidhu hin danda'ani jedha Oromoon waan ta'eef.
Eessattuu, yoomiyyuu hamma dandeesse nama rakkina uumu osoo hin taane nama rakkina furu ta'uu yaali.
Ogummaa qabdu tasumaa hin tuffatiin isumaan ofiifi hawaasa kee fayyadda.
Hojiif akka malee ariifadhu. Garuu, murteessuuf suuta jedhi.
Waan baay'ee dandeessa ykn beekta jechuun hundatti milkoofta jechuu miti. Garuu, kan dursuu qabu dursii waan hojjechuu qabdu hojjedhu.
Yoomiyyuu hamilee guutuu qabaadhu!
Eenyummaa keefi ofii keef kabaja qabaadhu.
Sababnisaa, yoo ati of hin kabajin namni si hin kabaju!
Hariiroo hawwaasummaa gaarii qabaadhu.
Sababnisaa, qofaa kee jiraachuufi fagoo ga'uu hin dandeessu!
Gochaa fi amala sii fi sadarkaa kee wajjin hin deemne hin godhiin, hin agarsiisiinis!
Tasumaa jechoota ihintaa (nagetive word) ofirrattis nama irrattis hin dubbatin! Sababnisaa, dhiibbaa jechoonni uuman guddaa waan ta'eef!
Hariiroo nama waliin jiraachuu keessatti, kennuu fi fudhachuu, amanuu fi amansiisuun waan jiruuf, yeroo hunda kallattii tokko qofa qabattee hin deemiin!
please my Family
β¬Follow βͺοΈShare, πlike , πcopylink gochuu
hin dagaatina.
Isinin Jaalaladha.
Guyyaa gaarii qabaadha
GALATOOMAA
By Obsa Ibrahim
https://www.tiktok.com/?_t=ZM-90QrlwVLpf9&_r=1
https://www.facebook.com/profile.php?id=61558434293038