Naol Keenya lolaan Waaqayyoodha!

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)========Alaabaan Oromoo gatii fi wareegama qaalii gootonni Oromoo baas...
22/06/2025

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)

Hiika Alaabaa Oromoo(ABO)
========
Alaabaan Oromoo gatii fi wareegama qaalii gootonni Oromoo baasaniin har’a ga’e. Alaabaan Oromoo(ABO) Kun irraa fi
jalaan diimaa, gidduun isaa magariisa, walakkaan isaa aduu,
handhuurri isaa odaa gara oliin urjii diimtuu kan qabudha.

1.Diimaan Moggaa Lamaanii maal ibsa?
Dhiiga uummanni Oromoo bara dheeraaf cunqursaa fi bilisummaa gonfachuuf dhangalaasee fi dhangalaasaa jiru ibsa.

2.Magariisni gidduu jiru’oo?
Badhaadhummaa fi taadhummaa Oromiyaa ibsa.

3.Aduu
Fakkii Bilisummaati.

4.Odaan
Sirna Dimookraasii Gadaa uummata Oromoo, jaalalaa fi kabaja
Oromoon uumaa naannootiif qabu kan agarsiisuudha.

5.Urjii Diimtuu
Qara shan kan qabu ta’ee hiikkaan isaas Qabsoo uummanni
Oromoo Nagaa, Dagaagina, Bilisummaa, Dimookiraasaa fiTokkommaa isaaf godhu kan mullisuudha.
Jaallachuu qofa osoo hin taane hiika isallee beekuun,akkasuma wal barsiisuun dirqama Oromoo maraa ta’uu qaba.

Address

Bole
Addis Ababa
1000

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Naol posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category