Caltuu Arsii

Caltuu Arsii Hundi keenya ni Dogoggora, Ati garuu Kaayyoo keetirraa Abdii Muratuuf Dogoggora san Sababa hin Godhat

Abbaa Jabaa ilma Jabaateetu Beeke.~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~Qaroomni, beekkumsi, gootummaan , arjummaan akkasumaas baheessu...
18/10/2024

Abbaa Jabaa ilma Jabaateetu Beeke.
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~

Qaroomni, beekkumsi, gootummaan , arjummaan akkasumaas baheessuummaan waan dhaloota keessaa argachaa dhufaniidha. Oromoon ammoo waggoota dhibba lamaaf gadadoo maddii maddi asiin hin beekkamne takkaan dhibamtee dhiibamuun dandeeytii fii ogummaa akkasumaas ammoo kennaa Abbootii isaanii keessaa as dhufte dabarfachuu dadhabuudhaan rakkoon hawaasummaa keessatti oolmaa walii dagachuun dhufteeti jirti.

Haa tahuu malee dhugaan Abbootii keenyaa isaan ifaa arraatiif qabsaawaan keenya ni dahatame malee kan irraanfatamee hafuu miti. Akkuma beekkamu Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa dhukkube Kan Reeffa isaanii biyyatti galche Juneeydiiti. Yaadataan Eega biyya isaa Oromiyaa keessatti dhufee daldala isaa eegalee booda Deegarsa lamummaa, kan sabummaa akkasumaas Ammoo kan biyyummaa godhuun Arjummaa oromoon Seenaa keessatti qabu nuuf tarkaanfachiisee Jira.

Sooreessi Yaadataa Juneeydii gaafa Abbaa qubee Afaan oromoo Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee foundation isaa bakka Itti dhabnu naafii Kuulanii Boruu (Maryam Ahamed) rakkoo kana itti himnaan yeruma San Darbii isaa tan Adaamaa Boolee qabu bilisaan Akka waajira Dhaabbata Foundation Dr. sheek. Mahammed Rashad Abdullee Akka tahu nuuf kenne. San qofaa miti, Seenaa kitaaba Gooticha kana Ammoo Akka maxxanfamuuf baajata baasuun kitaaba lama maxxansiisee, Seenaan Abbaa keenyaa Akka Dhalootatti dabartu godhe. Kanafuu oolmaan Sheek. Mahammed Rashad Abdullee Abbaa Qubee Afaan oromoo Kun seenaan isaa Akka ittiin baraamtuufii barsiifamtu godhuu keessatti gaheen Yaadataa Juneeydii laayyoo miti.

Duuba kitaabni Seenaa Abbaa Qubee Afaan oromoo kan Ilma isaa Khalid Rashad Mahammed Rashad Abdulleetiin barreeffame baajata Yaadataan baaseen maxxanfamee Amma waggaa 2ysoodha. yeroo adda addaa Ammoo kitaabicha kana sadarkaa Oromiyaati eeybisiisuuf sochiin goone milkaahuu hin dandeenye. Amma Ammoo bifa haarayaan Seenaa kitaaba Gooticha Qubee Afaan oromoo Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee eeybisiisne galii isaa kitaabichaa Ammoo foundationichaa oolchuuf sochii irra jirra.

Dhimma kana ilaalchisee Ammoo Sheekkan , ustaazoota, ulamaahiifii darasoonni Deegarsa Seenaa Akka gootan khabajaan isin gaafanna. Sheekkan yeroo jennu, Namoota Akka Sheek. , Ustaaz ' Ustaaz fii kkkf Sochii eeyba kitaaba barsiisaa keeysan Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee irratti makamuun seenaan Kun Akka mul'atu godhuu qabdan.

Karaa biraatiin Barreessitoonni, barsiisoonni, akkasumaas Aartistoonni Oromoo gaheefii oolmaa Dr. Sheek. Mahammed Rashad Abdullee Seenaa kitaaba isaa Kanaan kaanaan dhaamsa inni Dhaloota qubee Afaan Oromootti dhaammate Akka hojii irra oolchinu jechuun dhaamsa isaa galmaan akka geenyu Oromoo guutuun dirqama Oromummaa Akka baanuun waamicha isinii dhiheessina.

miseensa Koree Foundation Sheek. Mahammed Rashad Abdullee.
Horaa Bulaa !!

Raabaa Doorii (Iskuu Hamzaa)
okkol. 18/2024
Adaamaa Oromia

Gabaa dhuunfaa keetii ooltee,ufumaa uf bittee,ufuma keetii uf gurguraa hin oolinii gadi taa’i.ila.ani qaaliidha yoo ufii...
18/10/2024

Gabaa dhuunfaa keetii ooltee,ufumaa uf bittee,ufuma keetii uf gurguraa hin oolinii gadi taa’i.

ila.
ani qaaliidha yoo ufiin jette,gatii guddaan si bitatuu beeki,ani rakisha yoo ufiin jettes,rakishuma ati uf taasiste sanaan sibitatuu hubadhu,qaalii ta'uu keetiifi
rakisha ta’uu kee immoo,jecha qofa osoo hin taane, gocha keettu agarsiisaa argi.

Jaaloo.
namni qaalii tahe tokko,olmaa isaatu laallamaa beeki, hiika kashlabbee oolaa jirta moo,hiika nama bu’aa ufiifi namaaf qabuu keessa jirtamoo,hiika warra faaya tahee keessa jirta,ramaddi kee beeki.

Obbolaa.
sibiilli meeta keessatti awwaalame,gatiin isaa meeta saniin walqixaa beeki,siibiilli ziqaaya keessatti argame gatiin isaa ziqaayuma sanaa hubadhu,sibiilli meeshaa gurguddaa keessa oole immoo,isuma guddaa biyyi barbaaddu saniin walqixaa xiinxalli.

Ekaa.
Dhagaa Rabbiin uumeyyuu,boca isaa sirreessaniifii, oolmaa isaa addaan baasaniifii beeki,kan sumsuma tahee guyyarraa waddamaa oolus dhagaadhaa beeki, ka karaa irratti miilaan irra deemaa jiranis dhagamaa hubadhu,kan ol dhaabanii manaan ijaarrataa jiranis dhagama kanaa argi,kan siidaa godhanii muudanii qarshii itti kanfalanii laalaa olanis dhagaa kabaja isaa eeganiiftu jiraa hubadhu,kan dhagaa kabajamaa taasiseefi tuffii itti ramades bakkaafi akka inni itti argametu akkas isa godhaa jiraa uf argi.

Kanaaf.
Oolmaa kee sirreeffadhu,olmaa kee tolfadhu,egeree kee sirreeffadhu,nama sirna qabu barbaadadhu, barataa,beekaa,hayyuu,goota,arjaa,nama amanamaa, hojjataa alaafi keessi qandhafaa filadhu.

Namana
isa dubbatu mi'aawu,isa miilaan ijjatu gadi dhaabbatu,
kan uffatu irraa bareedu,fakkii namaa osoo hin taane, fakkaataa namaa osoo hin taane,nama nama tahe, foolii namaa qabu barbaadadhuu bira ooli.

Hey
Siidaan lama walbira yoo dhaabbate,wal hin utubuu beeki.

12/10/2024

Ogeeyyiin seeraa ilmaan Muslimaa kan biyya jirtan akkam jettan yaada kanarratti?

*XIINXALLI SEERAA KOO DHIMMA KANA IRRATTI:
Jalqaba irratti mirgi yaada ofii bilisaan ibsachuu (freedom of speech) heera Itiyoophiyaa bara 1995 bahe kwt 29 jalatti ibsamus, exceptional scenario mirgi kun itti daangeffamus tumaa kanaan tarreessee jira. Mirga kana mirga namoota biroo sarbuuf, kabaja namaa xureessuuf, jeequmsa kaasuuf kkf jechoota seer-dhablummaa akkanaa hin hammatu ni daangeffamta ykn itti gaafatamta jechuudha.
Itti gaafatamummaa Seeraa Abdiisaa Bancha Jara ilaalchisee ani qabu yakka 2n himatamuu ni danda’a. Isaanis:
Himannaa 1ffaa: Yakka Maqa Balleessiifi Hamii Sobaa:
Seera Yakkaa biyya keenyaa bara 1996 bahe kwt 613 jalatti Yakka Maqaa Balleessuufi Hamii Sobaa" tiin:
(1) Dubbichi dhugaa ta’ee kabaja yookiin maqaa gaarii nama biroo miidhuuf yaaduun namni biroo hojii akkanaa hojjeteera, wanta akkasii raawwateera, waan badaa akkasii qaba jechuun garee sadaffaatti kan beeksise yookiin kan ibse namni kamiyyuu;
iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhihaatu maqaa balleessuun hidhaa salphaa ji’a jaha hincaalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.

Himannaa 2ffaa: Haasaa Jibbiinsaa Amantii Islaamaatiin:
Dhimma Amantii Muslimaa tuquun Islamophobia jibba Amantii Islaamaaf qabu haala calaqqisuun "Sheekni darasoota akka waaqeffattoota irratti lola banan labse" jecha jedhuun Sheekaafi Hordoftoota Amantii kanaatis maqaa waan xureesseefi Amantii walitti kaasuuf yaaleef bu'ura Labsii lakk 1185/2012 kwt 4 fi 7 jalatti "Haasaa Jibbiinsa Amantii Islaamaa" tiin himatamee adabamuu ni danda’a jechuudha. Labsicha kwt 7 (3) jalatti "Adabbii hidhaa salphaa waggaa 1 hin caalle ykn maallaqa qarshii 50, 000 hin caalleen adabamuu" akka danda’u tumee jira.

3. I/gaafatamummaa Hariiroo Hawaasaa:
Namni maqaa balleessii akkanaa nama biroo irratti raawwate bu'ura Seera Hariiroo Hawaasaa bara 1960 bahe kwt 2044 jalatti itti gaafatamummaa seera waliigalteen alaa kan qabu tahuun bu'ura kwt 2090 fi itti aananiin beenya maallaqaa miidhamaaf kafaluu dirqama qaba. Kanuma.*

Comment koo jalaahin argadhe Anwar Ahmed

Asumaanuu gurbaan sun dhiifama osoo hin taane dhaadannaa fi gorsa wahiiti barreyse!

Ani dhugaa dubbachuuf yeroon ilaalcha kee argu si waliin maqaa Oromoo qabaachuu koo ittiin gaabbe!Guddina Afaan Oromoo k...
12/10/2024

Ani dhugaa dubbachuuf yeroon ilaalcha kee argu si waliin maqaa Oromoo qabaachuu koo ittiin gaabbe!
Guddina Afaan Oromoo keessa galuun kee nama qaaneessa jechuun ati har'as iddoodhuma jirta jechuudha mii

.↪️Feedereeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaafi taateewwan galmaa'an kana beektuu?✔️Biyyi boqonnaa dura taphataan tokko h...
12/10/2024

.
↪️Feedereeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaafi taateewwan galmaa'an kana beektuu?
✔️Biyyi boqonnaa dura taphataan tokko haatrikii irratti hojjete hin jirtu.
✔️Biyyi daqiiqaa 90 keessatti taphataan tokko galchiiwwan afur irratti lakkoofsise hin jirtu.
✔️Biyyi taphattoonni gara garaa haatrikiiwwan afur irratti hojjetan hin jirtu.
✔️Tapha xumura waancaa irratti biyyi taphataa tokko irraa haatrikii keessummeessite hin jirtu.
✔️Biyyi gulaallii Waancaa Afrikaa Isteediyeemiin ala taphachuuf qarshii miil. 27 baasii goote hin jirtu.
✔️Biyyi leenjisaa kilabaafi garee biyyoolessaa yeroo tokkotti itti fayyadamte hin jirtu.
✔️Biyyi Lammiiwwan biyya ambaa jiraatanii garee biyyoolessaaf akka hin taphanne ittistu hin jirtu.
✔️Ardii Afrikaa keessaa liigii daawwattoota Isteediyeemii hin qabne taphataa tokkoof ji'atti walakkaa miiliyoona mindaa kafaltu hin jirtu.
🙆‍♂️Itiyoophiyaa malee!.Qaamni dhimmi ilaallatu marti dhimma koo haa jedhu.walitti gad yaa'uuf deemna.Iddoo gad lakkistu moo!

SEERRI HAA KABAJAMU!!!----------------------------biyya mootummaa qabdu keessatti hayyuu biyyaa kan tahan ABBAA HAWAASAA...
12/10/2024

SEERRI HAA KABAJAMU!!!
----------------------------
biyya mootummaa qabdu keessatti hayyuu biyyaa kan tahan ABBAA HAWAASAA sheikh Amiin Ibroo jecha isaan hin jennee fi hangas ulfaatu kan lola cimaa hawaasa jidduutti qabsiisuu danda'u soba irra kaa'anii maxxansuun akka laafaatti laalamee dabrama taanaan kana booda waan jabaa hedduu dhagahuuf jirra.

qaamni nageenya biyyattii eegsisuun erraa eegamu Mootummaan keenya kabajamaan rakkoon eega dhufee booda furmaata laaluu caala xiyyeeffannoon jabaan sababoota rakkoof jalqaba tahan sirreessuu irratti tahuu qaba.

namni abdisa bancha jedhamu hawaasa oromoo jeequuf sheekha keenyas akka dhuunfaatti maqaa balleessee rakkoo dhuunfaas isaanirraan gahuuf hordoftoota amantaa biraatiifi kan muslimaa walitti kaasuuf maxxansa kana maxxansee jira.

qaamni dhimmi kun isa ilaallatu seeratti nuuf dhiheessaa. seera biyyattiitiin yakkootni kun sadanuu yakka cimaa akka tahe abbootiin seeraa ni beektu.
1. nama abbaa amantaa taheefi hordoftootaa fi jaallattoota baay'ee qabu jecha isaa fakkeessanii hawaasa jeequu.
2. hordoftoota amantaa garagaraa walitti buusuuf soba kalaqanii maqaa namaatiin maxxansuu.
3. nama hayyuu hawaasaa tahe maqaa isaa himata dharaatiin balleessuuf yaaluu.

wantoota amma jenne kanarratti ragaan namni kun yeroo garagaraatti maxxanse qabatamaan waan jiruuf waan nama rakkisu natti hin fakkaatu.

wantin seeratti haa dhihaatu jedhuuf rakkoon kun furmaata dhabnaan kana caalaatti fuula dura waa hedduun baduuf jiraata jechumaafi.

💚 Ahbaabii! Mee Anis waan tokko haa je'u! Gorsa Arraa! By Hakim ● Gurbaan warra dhihaa tokko akkana je'e: ((Qaroomina Or...
12/10/2024

💚 Ahbaabii! Mee Anis waan tokko haa je'u! Gorsa Arraa! By Hakim

● Gurbaan warra dhihaa tokko akkana je'e: ((Qaroomina Orma tokko yoo Diiguu feete, Qapxii Sadiihin ni Diyda))

1ffaa. Haaskaa (Maatii) Diigi
2ffaa. Bu'ura Barnootaa Diigi
3ffaa. Orma Fakkii tahan khuffiisi.

A. Haaskaa (Maatii) Diiguuf - Haati takka Qooda isii akka Wallaaltu Godhi, ammas Haadha tahuu isitti akka Qaanfattu isii Godhi.

B. Bu'ura Barnootaa Diiguuf - Barsiisaan tokko akka Hawaasa isaa kheessatti Gatii hin Qabaanne isa Godhi ammas Khabajaa isaa Xiqqeessi akka Barttootni isaa isa Tuffatuuf.

C. Fakkeenya isaanii Diiguuf - Ulamaa'ii isaanii Waraani ammas Gatii isaanii khuffisi. Akka Fakkeenya Namaaf hin taane ammallee akka Namni isaan hin Dhaggeefanne Godhi. Eegasii ormi Khufaa tahe Fakkii haa tahu.

■ Ahbaabii Fillaah! Yeroo Haati Dammaqtuu taate Dhabamte, ammas Barsiisaan Mukhlisni yeroo Dhabame ammallee Yeroo Ormi Fakkii Namaa Tahu Khufe, Eenyuutu Ilmaan kheenya Aqiidaa fi Haala Gaarirratti Nuuf Guddisa?

● Wanni amma Fadiilati Sheekh Amiin Ibrootin (Hafizahullaah) je'ame khun waan akkanumatti odoo itti hin Yaadamne kha je'ame sitti hin Fakkaatin? Waan itti Yaadamee je'ame.

● Baabaan (Hafizahullaah) in shaa Allaah isaan Urjii Samii kheessa jirani. Duuba Dhooqqee fi Urjiin wahi tokkoo?

□ Ani ammoo Haaluma Khiyyaa fi Kheetiitu na Dhibe. Yeroohunda Eegee namaatuma taanee jiraachuu kheenya khana. والله المستعان

Naachaa fi raacha foormiin gara garaWallaalaan akkamiin Hayyuu fi Beekaa daffara  ????????Tiisifni/tiitichi aanan daakuu...
12/10/2024

Naachaa fi raacha foormiin gara gara
Wallaalaan akkamiin Hayyuu fi Beekaa daffara ????????

Tiisifni/tiitichi aanan daakuu bare; gaafa bulluqa seene du'a ja'an!
Waraabessi ilmoo taphachisuutti jira jennaan "maal taphachiisa dhara ofii barsiisa" ja'e namichi.

Kiyyaa dhagayi Gori Sheikh Amiin irraa. Deemii hiriyaa kee barbaadi!

Yaa Baabaa Umrii dheertuu fi fayyaa bareedduu rabbiin isniif haa kennu.
Yoomuu tika rabbii keeysa nuuf jiraadhaa!!

Gurbaa atiis yoo Rabbiin toltuu sitti beeke si haa qaceelchu!!

Dhaabbatichi Rakkoolee Gurguddoo Of Keessa Dhoksee Maamila Hacuucaa Jira.. 1️⃣, Odeeffannoo maamilaa guutuu qaama sadaff...
12/10/2024

Dhaabbatichi Rakkoolee Gurguddoo Of Keessa Dhoksee Maamila Hacuucaa Jira..


1️⃣, Odeeffannoo maamilaa guutuu qaama sadaffaan kennuun balaa qaqqabsiiseera.
2️⃣, Tajaajila xiqqoo kaffaltii daangaa hin qabneen mogolee hawaasa buuseera.
3️⃣, Dhaabbilee hannaaf dhimma itti bahu hedduu dhoksaadhaan hundeessee ummata saamaa jira.
4️⃣, Beeksisa dhugummaa hin qabne karaa toora ofiitiin irra deddeebiin dhiyeessa, nama gowwoomsa. Fkn. Maxxansa keenya share godhaa, namoota affeeraa.... maallaqa argadhaa.....fi kan biroo...
5️⃣, Garaagarummaa amantaa xiyyeeffachuun tajaajila qopheessuu.
6️⃣, Waliigaltee haala maamilli hin beekneen dhiyeessuufi gocha raawwatamu kamiyyuu sagalee hawaasaa ykn maamilaa homaa kana hin keessumeessifneedha.
7️⃣, Uggura bilbila iyyata yookiin ajaja dhaabbilee mootummaan ala callisee quufina isaatiin taasisaa jira.
8️⃣, Uggurrii WI FI yemmuu ati dhimma murteessaaf barbaaddu ykn sagantaa jabaa qabaachuu kee eeganii taasisuu.
9️⃣, Kaffaltiin CRBT, Tele win , Lottery, Promo, Calling CRBT........gita isaa kan eeggate miti.
🔟, Hojjattootnii fi ijaaramni dhaabbatichaa guutummaadhaan kan hawaasa miciriqsaa jiruudha. Diinagdee biyyaas dhudha'eera.
1️⃣1️⃣, Beeksifachuun tajaajila irra oolchuu diduu, fkn paakeejii barsiisotaa (Teachers packages) ammas paakeejii Barattootaa( Student packages) qopheesseera jedhee quttoo kaasaa turee achumaan nipha'ame waa hin agarre. Isuma dhugaa of saaduuf osoo hin taane gaaffii kana immoo waltajii adda addaa irratti irra deddeebiin gaafachaan ture. Hawaasnis ittuma jira.
1️⃣2️⃣, E-Miney dheedhii, dogoggorsaa, ceepha'amaa fi saaxilamaa taheen qisaasa dinagee hawaasa macaaseera.
1️⃣3️⃣, Maallaqni siistamni kuffise maamila irratti kaasaaraa hammaataa uumeera.
1️⃣4️⃣, Paakeejiin marsaa tokko bitame of duuba deebihuun dhorkaa tahuun hacuuccadha.

Cubbuu kana hunda baatee ammas dabalaan


Ethio_telecom....🙉
Ethio telecom tibbana tajaajila hundarratti daballii dachaa oliin dabaleera. Yeroo uummanni qaala'iinsa jireenyaan qoramaa jiru kanatti dhaabbileen gurguddoon akka uummataaf gatii tajaajilaa hir'isuu qaban jedhamee osoo eeggamuu faallaa kanaatti tajaajila hundarratti dachaa (100%) oli daballii taasise.
Fkn Sim Card haaraa Qarshii 15 ture qarshii 85tti olguddise kana jechuun dachaa shanii oli jechuudha.
Akkasumas Bittaan MB kamiyyuu dachaa oliin dabaleera
Fkn Sagaleen torbetti qarshii 15 daqiiqaa 75 ture amma qarshii 22 daqiiqaa 80 ta'e .
Walumaagalatti haalli daballii tajaajila waliigalaa taasise kun humna maamiltoota isaa xiyyeeffannoo keessa kan galchee miti.
Kan biroo bittaan fi sagalee karaa bitachaa jirru ji'a lamaan asitti muruun ifatti muldhachaa dhufuun amanamummaan dhaabbata biyyattii guddaan kun ummata biratti qabu gadi akka bu'u taasisaa jira.

Kaardii kee kana booda namni sherfee tokkoon bitu hin jiru. Didameera🧟‍♂️
Nama nyaata🌀
Maxxansa kana share godhaa

Gaafa ija quba nu kaayan callifnee hin laallu! Yoo seerri jiraate Yakka maqa balleessin ragaa maleetin himatamee seeratt...
12/10/2024

Gaafa ija quba nu kaayan callifnee hin laallu!

Yoo seerri jiraate Yakka maqa balleessin ragaa maleetin himatamee seeratti dhihaatuuf jira gurbaan kun;

Baabaa sheikh amiin ibroo nama guddaadha! Nama daa’imni waan aannaniii barbaacha Dhaabilee gara garaa maqaa balleessaa ooltu lafaa kaatee maqaa balleesituu miti! Ragaa quubsaa osoon qabnee jecha kana baabaa irra kaa’uuf qofa seerratti dhiheessina!
Arguuf jirtu, gurbaan ammoo Baabaa sheikh amiin qofa osoon taane, tuffii muslimootaaf qabu garsiisaa jira hubadhaa!

Address

Adis

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Caltuu Arsii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category