Geetaachoo Tasammaa Walqixxee.

Geetaachoo Tasammaa Walqixxee. Health For all! Namni hunduu Fayyaa haa bulu!

Madaa'uu isaatin nuyi Fayyine!Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Baga guyyaa yaadannoo fannifamuu gooftaa iyyasuus Kiristo...
10/04/2026

Madaa'uu isaatin nuyi Fayyine!
Hordoftoonni amantaa Kiristaanaa Baga guyyaa yaadannoo fannifamuu gooftaa iyyasuus Kiristoosin isin gahe!

Life style jijjiiruu jechuun sorrata kuduraa fi muduraa nyaachuu ,Xuuxuu dhiisuu,Dhiphina hir'isuun hirriba gahaa rafuu ...
21/01/2026

Life style jijjiiruu jechuun sorrata kuduraa fi muduraa nyaachuu ,Xuuxuu dhiisuu,Dhiphina hir'isuun hirriba gahaa rafuu fi Dhiibbaa dhiigaa keenya ilaalamuun dhibee qancaroo haa ittisnu. Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti sa'aati tokkotti namoonni 1000 dhiibbaa dhiigaan Addunyaa kanarraa ni du'u jedha.Akka biyyaa keenyaattis dhibeen Kun baay'ee hammaataa dhufee jira.Kanaaf gara mana yaalaa deemuun gorsa ogeeyyii Fayyaa haa hordofnu.
Namni hunduu Fayyaa haa bulu!!!

10/09/2025

Barri 2018
Bara haaraa gaarii nuuf haa ta’u!!
መልካም አዲስ ዓመት ይሁንልን !!
Happy New Year for all!!

Dubbii jabduu!
24/08/2025

Dubbii jabduu!

Lammii tu Lammiif Dhiiga!
25/07/2025

Lammii tu Lammiif Dhiiga!

Of eeggannoo haa goonu!!
12/07/2025

Of eeggannoo haa goonu!!

Hawaasni Aanaa keenyaa hunduu daa'imman waggaa 5 gadiif talaallii kana hordofee akka kennisiisu tumsa barame akka nuuf g...
20/02/2025

Hawaasni Aanaa keenyaa hunduu daa'imman waggaa 5 gadiif talaallii kana hordofee akka kennisiisu tumsa barame akka nuuf gootan kabajaan ni gaafanna.

Waajjirri Fayyaa A/Saxxammaa duula  talaallii dhibee pooliyoo irratti leenjii kenne. (Guraandhala 12/2017)duula raabsaa ...
19/02/2025

Waajjirri Fayyaa A/Saxxammaa duula talaallii dhibee pooliyoo irratti leenjii kenne.
(Guraandhala 12/2017)duula raabsaa talaallii Pooliyoo akka naannoo Oromiyaatti Gurraandhala 14-17tti daa'imman umurii waggaa 5 gadii tiif manaa mana irra adeemuun kennamu sababeeffachuun aanaa saxxammaattis guyyaa har'aa ogeeyyii waajjira Fayyaa,ittigaafatamtoota buufata fayyaa tiif kan kennamaa jiru yemmuu ta'u
Biyyi keenya dhaloota dhibee pooliyoo irraa bilisa ta'e akka qabaattuuf hojii hojjetamaa jiruun gandoolee hunda keessatti guutummaan guutuutti harcaatii malee manaa mana irra deemuun daa'imman hundinuu xiyyeeffannoon akka irratti hojjetamu leenjii kanaan ibsamee jira
Sagantaa kanaanis ogeeyyii waajirichaa kan ta'an
Obbo Geetahuun maammoo fi obbo Dinqaa kabbadees duraa duubaan ogeeyyii kanaaf leenjii kana dhiyeessani kan jiran yemmuu ta'u
Ogeeyyii fi hawaasnis dhimma pooliyoo irratti hubannoo armaan gadii akka argatu barbaadamee jira.
። hubannoo dhimma dibee pooliyoo irratti :-

#.Poliyoon Maali? Pooliyoon dhibee vaayirusii pooliyoo jedhamuun nama qabuufi sirna narvii namaarraan miidhaa geessisee namoota hin talaalamne Laamshessaa akkasumas du'aayiif saaxiluu danda'uudha.
# Akkamittiin Pooliyoo ittisna? Daa'ima ofii sirnaan talaalchisuu:
Xumura irrattis ittittigaafatamaan w/ra Fayyaa A/Saxxammaa obbo Geetaachoo Tasammaa ergaa dabarsaniin
hawaasni keenya rakkoo balaan dhukkuba pooliyoo fidu hubachuun daa'ima akka talaalsiftan jechaa,
ogeeyiinis odeeffannoon dhimma talasllii daa'immanii kun ''on Line '' waan guutamuuf of eeggannoon hojjetamuu akka qabu ibsanii jiru.

18/02/2025

Duula Taalaallii Pooliyoo Qindaa'a Marsaa 1'ffaa Gurraandhalaa 14-17/2017'tti Gandoolee Aanaa Saxxammaa hunda keessatti mana manatti bilisaan waan kennamuuf Hawaasni Aanaa keenyaa hunduu daa'imman waggaa 5 gadii hunda akka talaalchifatu waamicha ni dhiyeessina.

Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa Maayibaasii Saxxammaa qecaatti Guyyaa haadholee sirna garagaraan yaadatamee oolera.Gurrand...
13/02/2025

Godina Jimmaa Aanaa Saxxammaa Maayibaasii Saxxammaa qecaatti Guyyaa haadholee sirna garagaraan yaadatamee oolera.
Gurrandhala 6/2017 Maayibaasii Saxxammaa qecaatti bakka sekteroonni qindoominaa, HEF Ogeeyyii Waajjira Fayyaa Aanaa fi Bufata Fayyaa argamanitti hubannoo dhimmoota kuniumsa Dawumsa duraa fi Fayidaa dhaabbata Fayyaatti dahuu kennuun tajaajila adda addaas kennuun yaadatamee oolera.
Fayyaan Faaya! Namni hunduu Fayyaa haa bulu!

Address

BakiTibe
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Geetaachoo Tasammaa Walqixxee. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category