Tofa Man

Tofa Man If you don't fight for what you want, don't cry for what you lost....

01/03/2025

መልካም የስራ ዘመን ይሁንልሽ!
Bara hojii gaarii siif hata'u!

21/01/2025

My mother has always been the most important person in the world to me.😊🤍

03/09/2024

Abdii hin kutaatiin
Tapha Xiin-Sammuuti

Mee seena kana haa ilaallu

Bara gurraachonni Adii birati Gatii hin qabnetti Nelsan maandeelan warra Adii waliin barachaa ture haa ta'u malee garuu gurraacha waan ta'eef bifa gadaantummaatiin ilaalamaa ture.

Guyyaa tokko mandeelaan coffeedhaa nyaata yeroo fayyadamu barsiisaan isaanii akkas jechuun gaafatan

Profeessar: arbii fi sinbirri akkaamitti waliin taa'anii nyaata nyaatu jedheen

Mandeelaa: sinbirii iddoo jijjirachuu ni dandeessi jedhee biraa ka'e.

Profeessar: baay'ee aaranii ammas daree keessatti akkas jechuun gaafatan mandeelaa osoo beekumsa kuntaala tokko Fi qarshii kuntaala tokko siif kennanii Kam filaatta jedheen

Mandeelaa: Kun salphaadha qarshiin filaadha jedhee deebise

Profeessar: k*k anii beekumsan filaadha jedhee barattota ittii kolfisise

Mandeelaa: profeessar filannoon Keenya lachuutu sirriidha jedheen

Profeessar:maaliif jedhee gaafate.

Mandeelaa:namni waanuma hin qabnee filaata jedheen

Profeessar: maal jechuudha

Mandeelaa: ani beekumsa qaba qarshii garuu hin qabu kanaafan qarshii filadhe
Isiin garuu qarshii qabdu beekumsa hin qabdan kanaaf filattan jedheen

Profeessar:ammaas baay'ee aaranii guyyaa tokko waraqaa qorumsa isaa irratii wallaalaa, doofaa jedhanii barreessani deebisaniif

Mandeelaa; profeessar maal taatanii maqaa keessan qorumsa koo irratii barreessitan jedheen
Yeroo sadaffaas mo'ate.

Kanaf yaa obbolotaa koo rakkoo kammiyyuu malaa Fi tooftaadhaan mo'adhaa malee abdii hin kutatiinaa...
Abdi kutannaan obbolleessa du'ati.

WAAN DUBBISTANIIF GALATOOMAA!!

Hiriyoota lamatu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko immoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko osooma d...
03/09/2024

Hiriyoota lamatu wal faana imalaa ture. Inni tokko garmalee aara inni tokko immoo qoosaa baay'isa. Guyyaa tokko osooma deemanii inni qoosu hiriyaa isaa aarsinaan kaballaadhaan rukute. Yeroo kana inni rukutame fiigee deemee galaana maddiitti cirracha irratti " hiriyaan koo na kabale " jedhee barreesse. Achii booda galaana maddii osoo taphatuu galaanicha gidduu seena. Daakaa hin beeku waan ta'eef bishaanicha keessaa yeroo watwaatu hiriyaan isaa seenee isa baase. Yeroo kana inni Du'a irraa oole dhagaa guddaa barbaadee "HIRIYAAN KOO DU'A NA OOLCHE" jedhee bocee barreesse. Yeroo kana hiriyaan isaa "maaliif yeroon si kabale cirracha irratti barreessitee yeroon bishaan keessaa si baase ammoo dhagaa irratti bocce?" jedhee gaafannaan, innis deebisee akkas jedheen "jibbi kan garaati, jaalalli ammoo kan lapheeti. Yaraa darbe kaasnee wal jibbuu irra gaariin wal jaalachuu wayya. Jibbi nu balleessa, jaalalli garuu nu milkeessaa".

03/09/2024

SAREE AMANAMAA
Sareen tokko warra isaniif amanamaa ta'uu irraan kan ka'e haati daa'ima ishii itti dhiifattee gabaa biraa deemti turte. Yeroo hedduu daa'ima ishii eegee waan amanameef hardhas akkuma yeroo kaaniitti daa'ima ishii itti dhiiftee gabaa biraa deemte. Sana booda yeroo gabaadhaa dhuftu saree afaan isaa dhiigaan dibame argite. Daa'imnis siree gubbaa hin jiru. Yeroo kana hedduun keessan sarichi daa'ima kana nyaateera jettanii yaaduu maltu. Haati daa'imaa sunis akkasumatti yaaduun ulee guddaa fudhattee saree sana tumtee ajjeefte. Erga saree ajjeeftee booda hambaa daa'imaa barbaaduuf yeroo kaatutti waanti ishiin argite faallaadha. Daa'imni osoo waanti tokko irraa hin tuqamin siree jala jira, garuu daa'ima biratti bofa ajjeefame argitee rifatte. Dhiigni afaan saree sanaa balleessee jiru dhiiga bofa sanaati.
Booda saree amanamaa osoo hin hubatin of jalaa ajjeesuu ishiitiin gaabbitee gaabbii keessaa hin baane keessatti hafte.

Ilaamee osoo waa addaan hin baafatin murtiif hin jarjarinaa.

13/04/2024

Address

Bedele

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Tofa Man posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category