18/05/2023
''Suuraan kun mataa namati.''
Namni mataa malee akkuma jiraachuu hin dandeenye Uummanni Oromoo kuta Harargees jimaa kana malee jiraachuu hin danda'uu.
Kana jechuun immoo jimaan harargeef, sirna diinagdee wirtuu ispaayinaalkordii lafee duugdaati jechuudha.
Kanaaf Qaamni uummata kutaa harargee jaalatu fi kabajuu hundinuu jimaa kanaaf beekkamtii fi kabajaa isaaf maluu kennufii qabuu.
Waa'een uummata Harargee gaafa ka'uu addaa durummaan kan yaadamu qabuu dhimma jimaati.
Kanaaf Qaamni uummataa bakka bu'ee hojjatu fi dhabbileen adda addaa hundinuu sirna fooyya’iinsa gatii gabaa jimaa irratti halkaniif guyyaa ajandaa godhachuun hojjachuu qabaan jennaa.
'''Jimaan kan harargee qofaa miti''kan Itiyoophiyaa fi Afrikaati''.
Qaraxnii Taaksiin jimaa irraa qofa sassaabamuu walakaa sirna diinagde biyya kanaati!.kanaafuu dhimmi jimaa akka salphatti dhimma ilaalamu qabuu miti.
Ergaan kun firaafis diinaafis naaf haa ta'uu.
Dhimmi jimaa harargeef waa hunda oli.
Lubbuun namaa hedduu qaaliidha.garuu jimaan harargeedhaf lubbuudha olii.
Gurri dantaa uummata kanaa dhaggeeffatee falaa kennuu jiraachuu qaba jennaa xummurre.