24/11/2025
โ๏ธ Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf ba'e Labsii Lakk 255/2016 maal jedha?
โ๏ธ Gibira gaafa kaffaltan akkaataa labsii lakk. 255/2016 gibira Galii lafaa fi Qonnaa Naannoo Oromiyaa Kew. 10 kanaatiin nagahee waliin kaffalamuu qaba.
โ๏ธ Lafa Hektaara tokkotti kaffaltiin gibiraa kaffalamu meeqa? Hammi kaffaltii gibiraa akkaataa kamiin herreegama...?
โ๏ธ Labsii Kaffaltii Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa fi Gibira Galii Hojii Qonnaa, labsii lakk 255/2016 keewwata 8 (1) jaatti
๐ Lafa Baadiyyaa Oomisha qonnaaf itti fayyadaman oomisha qonnaa fi midhaanii kanneen akka Boqolloo, Bishingaa, Garbuu fi Kkf qofaaf yoo taโe,
๐ Lafa hektaara tokkotti qonnaan bulaan gibira qarshii 400 qofa kaffala jedha.
๐ Lafa oomisha Baargamoof oolu ammoo hektaara tokkotti gibira qarshii 1300 kaffala jedha.
Labsicha keewwata 8 (3) jalatti
๐ Qonnaan Bulaan Lafa baadiyyaa hektaara 1 gadi ykn hektaara 1 ol qabu bal'inni lafichaa hanga kaffaltii gatii hektaara 1f murtaa'een baay'atee herreegamee kan kaffalu ta'a." jedha.
โ๏ธ Labsicha keewwata 10(1)A jalatti ammoo
๐Lafa baadiyyaa Oomishaalee akka bunaa fi jimaatiin fayyadamaniif hektaara tokkotti gibirri kaffalamu Qarshii 1,250 (Kuma Tokkoo fi Dhibba Lamaaf Shantama) qofaadha jedha labsiin.
โ๏ธ Labsicha keewwata 10(1)B jalattiis:-
๐ Lafa oomishaalee akka baala shaayii, mieessituu fi urgeessituu, avokaadoo, paappayyaa,
muuzii fi oomishaalee walfakkaatan biroo irratti hektaara tokkotti gibira Qarshii 1100 (kuma tokkoofi dhibba tokko) kaffalan jedha.
๐ Lafa Jallisii ammoo gibirri kaffalamu
โ๏ธ Labsicha keewwata 9 jalatti
9. Hanga Kaffaltii Lafa Baadiyyaa Roobaafi Jallisii yookiin Jallisii Qofaan Oomishamuu irratti:-
1) Namni mirga ittifayyadama lafa baadiyyaa jallisiin misoomu qabu kamiyyuu :-
(a) Jallisii aadaatiif hektaara tokkotti gibira Qarshii 650 (dhibba jahaa fi shantama) kaffala jedha.
(b) Jallisii ammayyaa