02/04/2025
Fedhaa fi Jaalala
👉 https://t.me/naf37fspainbv
===========================
Jechoonni kun lamaan waliin kan adeeman yoo ta’an iyyuu garaagara. Kanaaf jireenya gaa’elaa keessatti namni dhimmoota kana lamaan adda baasee beekuun barbaachisaa ta’a. Jecha jaalala jedhu akka yaada Wangeelaatti yeroo ilaallu, Yesus, “Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa!” jedhe. Yoh. 15:12. Inni akkamitti nu jaallate? Jaalala gammachuu qofa of bu’uureffate otuu hin taane kan gatii isa baasiseen nu jaallate. Jaalalli akkasii dursa faayidaa ofii kan eeggatu miti. Isa jaallate sanaaf waan qabu hundumaan of kenna. Jaalalli dhiiraaf durba gidduu jiru isa dhugaa yoo ta’e, haal duree tokko malee namummaa isaanii qofa irratti hundaa’uun wal jaallatu. Wantoonni/ bu’aaleen kan biroon ulaagaalee lammaffaa irratti dhufan ta’u jechuudha. Akka barbaachisummaa isaatti immoo namni ulaagaa ofii kennee waan barbaadu nama sana irraa gaafata. Jaalalli haala irratti hin hundaa’u, hamma daangaa Waaqayyoo hin cabsinetti jaalalli waan hundumaa keessatti waliif obsuu, danda’uu fi irra darbuu fa’a of keessaa qaba. Waliin bashannanuu qofa miti jechuudha.
Fedha jechuun waa baay’ee of keessaa qaba. Fedha mataa ofii fi fedha nama biraa, fedha wanta gaarii ta’eefi fedha hamaa, fedha miira irratti hundaa’e fi fedha hafuuraa fa’a. Isaan kana keessaa dhimma jaalalaa wajjin kan deemu fedha miira irraa ka’u yoo ilaalle, fedhiin kun miira irraa madda. Miirri namaa immoo qaamota miiraatiin dhufu. Wanti qaama miiratiin sammuu namaa keessa galu yeroo sanatti haaraa waan ta’eef sammuu namaa keessatti ogummaadhaan qoramee ilaalamuu hin danda’u. Maalif? Yeroo barbaada waan ta’eef.
Namni yeroo nama jaallatu dursa waa’ee nama jaallatu sanaa qaamota miiraa isaatu ergaa gara sammuu isaatti erga. Fkf yoo in arge ta’e ija isaatu ilaalee hawwuu irraa kan ka’e yaanni gara sammuu isaa seene jechuudha. Kun yeroo sanatti namni kun nama arge sana irraa waa jaallatee fedha ishee wajjin jiraachuu