03/06/2026
Oduu Durii Itti Buhaaraa
Gaaf tokko waraabessa tokkotu halkaan magaalaa seene osoo lafee waan argate fuffuunaanatu lafti itti bariite rifatee waan godhu dhabee achumaan harree tokko argatee" akka bineensi si nyaanneen godhaati maaloo na baadhuti magaalaa keessaa na baasi" jedheen.
Harreenis tolee jetteen. Sanaan booda harreen sun lafa barii magaalaa keessaa Waraabessa baattee yeroo deemtu Ummanni magaalaa argee kaan harka walitti rukkuteefi kan waan isaa wallaalee raajeffatee osoo ilaaluu harreen sun waraabessa sana magaalaa keessaa baastee bosoona seensiste. Achiin booda bosona akkuma seenteen harreen sun "Narra bu'i kinoo magaalaa keessaa si baaseera" jennaan waraabessattiin kottu erga as geessee maatii koo hundaan waal si barsiisa ni firoomna" jetteni ammas Harreen" tolee jette mana waliin deemte. Akkuma mana gahaniin ilmooleen waraabessaa itti yaanan waraabessattiin" keessuma isiini fideen dhufe akka aadaa keenyaa godhaatii waa sadii naf ka'aa" jettee Harree sana ilmoo isheetti dhiste boolla ishee seente rafte.
Hamma kana hunda dhaabbatte dhageeffacha turte,miliquus hin yaalle! Waraabessattiin"waa sadii naa ka'aa"jette waa sadan sun,1ffaan Mataa 2ffaan Ijaa 3ffaan Gurra ture.Sana booda bakkuma harrittiin dhaabbatte jirtu sanatti ilmooleen warabeessa akkuma amaalaf aadaa ishee kufistee nyaachu egalte. Osoo nyaachaa jirani ilmoolee waraabeessa sana keessa tokko" Haati keenya waa sadii naaf hambisa jette turtee hin dagatiinaa" jennaan ilmoon kan biraa" waa sadeen sana hin qabduu callisaa nyaadha"jetten.
Achii erga nyaatanii fixaanii booda haati waraabeessoota yeroo hirribaa kaatu "waa sadii isiniin jedhe sana naf keessanii?"jetten. Achii marree mataa anaaf ka'aa isiinin hin jenne? Yommuu jettu ilmoon takka akkas jetten";-
Yaa haadha koo harreen tun waan 3n san hin qabdu" jetten ..
Haati "akkamitti hin qabne" ?
Ilmoon deebistee
* "Osoo mataa qabaatte si baattee hin dhuftu ture, *osoo Ijaa qabaatte immo osoo argu boolla kana si waliin hin seentu ture!
* Gurraas o