02/02/2026
Just do it
Hidhaan Haaromsaa Guddichi yaadafi qabeenya Itoophiyaanotaa qofaan kan ijaarame taโuu Muummeen Ministiraa Abiy dubbatan
โHidhaan Haaromsaa Guddichi Surraa Afriikaatiโ MM Abiy Ahimad
Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Hidhaan Haaromsaa Guddichi lammilee Itoophiyaan yaadamee qabeenya isaanii qofaan kan ijaarame taโuu dubbatan.
Abiy kana kan dubbatan eebba Piroojaktii Humna Elektirikaa Ayishaa irratti akka taโes ibsameera. Abiy, โItoophiyaan guddina Afriikaa egeree mirkaneessuuf, buโura sochii ishee humna elektirikaa faalama naannoo irratti hin geessifne irratti xiyyeefafttiโ jechuunis dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa guddichi Surraa Afriikaati jechuun kan dubbatan Abiy, dabalaniis lammileen Afriikaa walii yoo taโan waa fiixaan baasuu akka dandaโan agarsiistuu akka taโefi hojii lammilee Itoophiyaan yaadamee hojjatameedha jedhan.
Hojiin anniisa maddisiiduu Itoophiyaa hidhata biyyoota naannolee male faayidaa kan hin qabne akka taโe ka dubbatan Muummeen Ministiraa Abiy, guddinni diinagdeee Itoophiyaan itti jirtu biyyoota naannoos kan qabatee deemudha jedhanii jiran.
Akka fakkeenyaattis hojiin diriirsa sarara bishaan dhugaatiifi elektirikii gara Jibuutiitti taasifamaa jiru eeranii, Jibuutiin biyya walitti dhufeenya murteessaa itoophiyaa waliin qabdudha jedhan.
Sudaan, Keeniyaafi Taanzaaniyaa waliin gurgurtaa humna elektirikaan wal qabatee Itoophiyaan hojjetaa akka jirtu eeranii, Somaaliyaafi Sudaan Kibbaa guulas elektirikaafi daandiin wal qabsiisuuf hojjetaa jira jedhanii jiran.
Abiy, Hidhaan Haaromsaa Guddichi yaadaafi dafqa lammilee biyyattii qofaan ijaarame kan jedhan wayita Pireezidantiin Yuunaayitid Isteetis Doonaaldi Tirampi hidhaan kun maallaqa USโn ijaarame jechuun irra deebiin dubbachuun dhagaahamaa jirutti.
Aab Tirampi, โHidhaan Abbayya irratti ijaarame kuni maallaqa Ameerikaan jaarame, gahee bishaan masirii hudhee kuteโ jechuunis odeeffannoowwan dhugaa hin taane dubbataa turuunsaa ni yaadatama.