30/12/2025
Deeggartootni Guddicha London Baga Gammaddan! London Diimaa dha 🔴🔴🔴
"I Belong To Jesus" Gabri’eel Jesuustu jedhe.
Mootiin Set-Pieces deebi'eera. Halangeen adabbii Super Big Gabii, Ijoollee Unai Emery haleeluun waxale. Dirree garafe. Magaalishtu dhufe; ayyaantummaan Gunners ni deebite.
Dhukaastotni akkuma maqaa isaanii turan. Keessumaa immoo, boqonnaa booda raajii uuman. Ijoollee Unai Emery walii wallaalchisuun, washaakkachiisan. Sodaatiin mogolee raasanii, bitaafi mirgaan isaan erbanii, dhimbiiban. Mootiin Set-Pieces deebi'uu isaa, gochaa isaatiin mirkaneesse.
Jesus Striker tahuusaa ifoomse. Trossard akkuman guyyaa har'aa jedhe, miila lamaan gidduu kubbaa hulluuqsise. Kana qofaa miti, Maartiinez daaraa godhe. Kubbaa wajjin wal hanqise. Liyaandroo Tiroosaardii urjummaa isaa mirkaneesse.
Akkaafi bakka, wallaalan. Caalmaa guddaatiin, injifannoo hawwattuu gonfatan. Haaloo, garaa laafummaa hinqabneetiin, akka hinjirre godhan. Quufashee irraa galchan. Ofitti amanamummaa qaban, boqonnaa booda daran guddisuun, onnee isaanii akka dhadhaatti baqsan. Kun Emirates Stadium dha. Raayyaan raayyummaa isaa mirkaneesse. Big Gabiin eenyummaa isaa amansiisee firaafi diinatti mul'ise.
Kubbaa jalqabaa, Saakaan rukuttaa rogaarra rukute. MAGAALISH kiyyootti kubbitti dire. Odegaard kubbaa ajaa'ibaa Zubimendiif buuse. Mi'eessituun kun, hafuura hinbaafachiisne. Kiyyootti kubbaa dire.
Timbeer kubbaa ajaa'ibaa Liyaandroo Tiroosaardiitiif buuse. Kaameeraa sammuu isaa keessatti bakka kiyyoon dhaabbattee jirtu waan hubateef, kubbaa fuudhee keessa calaase. Dhimmasheeti. Achii haa fudhatan. Gabriel Jesus akkuma seenee kubbaa tuqeen, kiyyootti ishee dire. Kanumaan kana taate, ijoolleen Unai Emery.
Odegaard Maartinezitti hammam akka isaaf qophaa’e itti agarsiise. Zubimendiin kubbaa hawwattuu isa dhamdhamsiise. Raayyaan dirree walakkaa dhaabbatee qofummaa dagate. Bakka Jeneraal Mikeel Arteettaan dhaabbatee, ijoollee qajeelchu dhufee kubbaa deebisaa ture. Kubbaa dhumarra deebise immoo