06/09/2026
Sorry ðŸ˜
…Akka dhibeen baay’ee sitti cimee hospitaala jirtu dhaga’een ture. Gidduu kana dhufee si gaafachuuf, sagalee Oromummaaf abdii ati ittiin na jajjabeessitu sana dhaga’uuf yaadeen ture; garuu hin taane! 🥲
Duuti nu jalaa si fudhatte, Ilfee koo! ðŸ˜
Ati duutus seenaa boollaa ol jiraatu hojjettee dabarte. Hanga har’aatti dheebuuf qabsoon kee tokkummaa fi bilisummaa Oromoo ture. Oromoo maraaf ati haadha turte. Sagalee kee kiloleen sirbitee, goota meeqa hidhachiiftee loltuu bilisummaa goote! Umurii kee guutuu saba irraa dhalatteef qabsooftee dabarte. Galmee seenaa Oromoo irratti barootaaf yaadatamta. 🥲
Nagaan boqodhu, Haadha OromootaaðŸ˜