21/04/2023
Iid Mubaarak!!
Duraan dursinee hordoftoota amantaa islaamaa maraan baga ayyaana sooma hiikkaa (Iid Al-Fixrii) wagga 1444ffaa kabajamuuf nagayaan geessan isiniin jechuu barbaanna.
Ayyaanni sooma hiikkaa (Iid Al Fixrii) hawaasa Musilimaa biratti ayyaana iddoo ol'aanaa qabu qofa osoo hin taane, kan itti araarama Rabbii argatanii fii hawwii guddaan eegamuudha. Ji’a Ramadaanaa keessa ummanni musilimaa guyyaa soomaan halkan taraawiya dhaabbachuun Rabbirraa araarama barbaadu.
Ji’a Ramadaanaa keessa gaarii hojjachuu, nama wal dhaban waliin awfii waliif gochuun (araaramuun), kan wal lole walitti araarsuun, qaamaaf qalbiin wal gargaaruun, kan qabu isa hin qabneef qooduun miira jaalalaa fii rahmatummaan waliin dabarsuun amantaa Islaamaa biratti kan baratameedha.
Ayyaanni Iid Al-Fixirii agarsiiftuu waliin jireenyi dhala namaa keessatti dhugoomu, waliif yaaduun rakkoo walii qooddatuun, bu’aa ba’ii, gaddaa fii gammachuu dhalli namaa dabarsuu fii wal'aansoo jireenyaa hundi keessatti waliif birmatuudha.
Xumura irrattiis Baankiin keessan Baankiin Raammis, tajaajila baankii guutumaan guututti dhalarraa bilisa tahe ummata keenya yeroo dheeraaf tajaajila faayinaasii seera shari’aa irratti hunddaa’e, kan hawwaa tureef, qophii barbaachisu hunda xumuruudhaan yeroo gabaabaa keessatti dameelee guutuu biyyaa keessatti banuudhaan tajaajila baankii si’ataa fii ammayyaawaa tahe isiniif dhiheessudhaaf qophii tahuu keenya yeroo isiniif ibsinu gammachuu guuddaatu nutti dhagahama.
Irra debi’uudhaan hordoftoota amantaa Islaamaa biyya keessaa fi biyya alaa jirtan maraaf ayyaana gaarii akka ta’u isiniif hawwina.
Baankii Raammiis
Baankii Keessan !!
Ayyaana Gaarii !!
Iid Mubaarak !!