Apostolic Super Media

Apostolic Super Media Welcome to the official page of Apostolic Media Only! 🎶

Cuuphaa Maqaa YesuusiinCuuphaa Maqaa Yesuus KiristoosiinBarattoonni:* Hiika cuuphaa akka hubatan.* Maaliif maqaa Yesuusi...
02/09/2026

Cuuphaa Maqaa Yesuusiin
Cuuphaa Maqaa Yesuus Kiristoosiin

Barattoonni:

* Hiika cuuphaa akka hubatan.
* Maaliif maqaa Yesuusiin cuuphamuun barbaachisaa akka ta’e hubatan.
* Ragaa Macaafa Qulqulluu irraa baratan.
* Amantii isaanii irratti jabaatanii dhaabbatan.

1. Cuuphaan Maali?

Cuuphaan hojii mootummaa Waaqayyoo keessatti nama amaneef ajaja Gooftaa dha. Innis mallattoo qalbii jijjiirrannaa, awwaalamuu cubbuu fi jireenya haaraa Kiristoos keessatti jalqabuuti.

Ragaa:
* Roomaa 6:3–4
* Qolosaayis 2:12
* Maarqos 16:16

2. Eenyutu Cuuphamuu Qaba?
Cuuphaan nama mootummaa Waaqayyoo amaneef qofa.
Ragaa:

* Hojii Ergamootaa 2:38
* Hojii Ergamootaa 8:36–38
* Hojii Ergamootaa 18:8

3. Maqaa Kamiin Cuuphamuun Qaba?
Macaafni Qulqulluun hojii irra kan oole maqaa Yesuus Kiristoosiin akka ta’e agarsiisa.

Ragaa:
* Hojii Ergamootaa 2:38
* Hojii Ergamootaa 8:16
* Hojii Ergamootaa 10:48
* Hojii Ergamootaa 19:5
* Hojii Ergamootaa 22:16

4. Maatewos 28:19 Akkamitti Hubatama?

Yesuus akkana jedhe:
“Maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu keessatti isaan cuuphaa.”

As keessatti “maqaa” jechuun tokkicha (singular) dha. Ergamoonni ajaja kana hubatanii hojii irra kan oolan maqaa Yesuus Kiristoosiin ture; sababiin isaa Yesuus guutummaa maqaa Abbaa, Ilmaa fi Hafuura Qulqulluu mul’isa.

Ragaa:
* Maatewos 28:19
* Hojii Ergamootaa 2:38
* Qolosaayis 3:17

5. Faayidaa Cuuphaa Maqaa Yesuusiin

* Dhiifama cubbuu argamsiisa. (Hojii Ergamootaa 2:38)
* Yesuusiin uffachuuf. (Galaatiyaa 3:27)
* Kiristoos wajjin awwaalamuu fi ka’uu. (Roomaa 6:3–4)
* Qalbii gaarii Waaqayyo duratti qabaachuu. (1 Pheexiros 3:21)

26/07/2026

Maalan jedhaWaaqayyoon nan barbaade, inni naaf deebiseeraRakkoo k...

18/07/2026

Boqonnaa Jireenya Kootii

​Qaba jedhee kanin jiraadhu
Abdadhee kanin sitti amanu
Yesuus koo si'i
Gooftaa koo si qofa
Narraa hin adda hin bahiin, narraa hin fagaatin
Gooftaa boqonnaa jireenya kootii
​Bara koo hunda ati na keessa jiraadhu
Gonkumaa cinaa kootii hin fagaatin
Qaba kanin jedhu Yesuus si'i
​Abdii koo jedhee yeroo hunda kanin jiraadhu
Oolmaa kee yoomin irraanfadhe
Na qajeelchaa kan na dabarsite
​Gammachuu koo fi jabina kooti
Waaqayyo koo waanan yaade irra naaf caaleera
Warra badaniifis karaa qopheessite
Amantii koos sirratti godheera
Gargaarsi kee natti hin hir'anne
Boonuun koo si'iin Gooftaa
​Araara kee anaaf baay'iftee
Karaa koos akkasitti qajeelchite
Dadhabina koo utuu hin ilaalin
Eebba irratti na hundeessite
Faarfannaa baay'eedhaan sin galateeffadha
Oolmaan kee yoom irraanfatama

06/07/2026

የኢትዮጵያ ሐዋርያዊት ቤተ ክርስቲያን መሠረታዊ አስተምህሮ የተመሰረተውና በጽኑ የቆመው በጰንጠቆስጤ ቀን ከ...

21/06/2026

Ya Israel dhagai

21/06/2026

Yesuus maaltu na baasa sirraa

Address

Adama
2120

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Apostolic Super Media posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category