Sisiy Hundessaa

Sisiy Hundessaa 𝑱𝒊𝒓𝒆𝒆𝒏𝒚𝒊 𝒂𝒅𝒖𝒖𝒏𝒚𝒂 𝒌𝒖𝒏 𝒈𝒂𝒏𝒕𝒖𝒅𝒉𝒂.!

11/12/2023

"Nuti Kan jaalanuu Tayye dandana Oso hin tane Jechoota Haqaa Fi dhugaa Umaata Keenya Sana qofa bulgaa'uudhaa" kana heddun irraa jalaadhee

Tibbana Awustraaliyaatti du’a tasaan kan boqotte Urgee Diinagdee eenyu?AMN Sadaasa 26, 2016:- Urgee Fiqaaduu Diinagdee j...
07/12/2023

Tibbana Awustraaliyaatti du’a tasaan kan boqotte Urgee Diinagdee eenyu?

AMN Sadaasa 26, 2016:- Urgee Fiqaaduu Diinagdee jedhamti. Dhalattuu Oromoo, biyya Awustiraaliyaa Magaalaa Meelboornitti dhalatte dha. Hiddi handhuura ishee baar-gamatti citus, qor-qalbiin ishee Oromiyaa irraa hin citne.

Afaan Oromoo akka shamara baadiyyaa Oromiyaatti guddateetti dubbatti. Haasoftifi yaadni ishee marti waa’ee saba isheeti. Pirojektii Manneen Barnoota Baadiyyaa “The Village School Project” jedhuu bara 2006tti hundeessuun baadiyyaa Oromiyaa keessatti manneen barnootaa ijaaruu, dhiyeessii bishaaniifi qulqullinaa irratti hojjechaa turteetti.

Qaxaleen onnee bal’oo Urgee Diinagdee, tibbana tasa lubbuun darbuun ishee hawaasa Oromoo addunyaa mara irra jiruuf oduu rifaasisaa ture.

Mul’atni Urgee Maal Ture?

Waqtii tokko yaadni Pirojektii Manneen Barnoota Baadiyyaa bu’uressuu yeroo yaadame akkas jettee turte
“Mul’atni keenya, si’a tokkotti mana barumsaa ganda tokkoo tumsuudhaan namoonni hundinuu humna dandeettii isaanii bira akka ga’anitti, barnoota qulqullina qabu argatanii addunyaa itti ijoollee fi sabni hundinuu jabaatanii of danda’an arguu dha” jetti.

Urgiin waggaa 10 dura ganda dhaloota abbaashee kan taate Lixa Oromiyaa, naannoo magaalaa Mandiitti siqxee kan argamtu ganda baadiyyaa Waankii Gophoo maatii ishee waliin daawwachaa turte. Ganda kanatti manni barnootaa tokko barattoota 1,393 kutaalee barnootaa muraasa fi barsiisota 24 qofaan yoo barsiisu argite. Kutaaleen barnootaa kunniin gariin dhoqqeen irraa jijjigee, rirmi jala isaa nyaatee mul’ata. Gandi sun bishaan dhugaatii qilqulluu hin qabu, daa’imman kichuun kofla bareedan, laga yaa’u kana yoo dhugan argite. Keessumaa daa’imti Ayyaantuu jedhamtu mul’ata Urgee haalaan jijjiirte.

Ayyaantuun maal jette?

Ayyaantuun daa’ima callistu dha. Akka ijoollee kaanii kolfitee hin taphattu, garuu bakka Urgeenfaa itti socho’an biraa hin haftu. Guyaa tokko Urgeen itti siqxee haasofsiiste. “Ani gaafan guddadhu barsiistuu ta’uun barbaada. Garuu amma carraa barachuu hin arganne”. Jechi kun Urgee boqonnaa dhorke. Anis osoo abbaan koo biyya hambaa deemee achitti nah in godhannee carraan koo kanuma ture jettee yaadde. ‘Akkamitti daa’imman kutaa addunyaa tokkoo waan fedhan argatanii, mul’ata isaanii yeroo dhugoomsan, daa’imman baadiyyaa Oromiyaa ammo barnoota dhabiisaan mul’ata isaaniirraa hafu’ kan jedhu gaaffii yeroo maraa itti ta’e.

Yeroo san barattuu "Social Work and Development” kan taate Urgeen galii homaa hin qabdu. Hata’u malee “Mul’ata Daa’immanii irra deebiin ijaaruu” dhaadannoo jedhuun fandii walitti qabuu eegalte. Arjoomtota irraa maallaqa sassaabameenis mana barnootaa ammayyaa fi bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaruuf dandeesseetti. Boodarras jaarmiyaa tola ooltummaa dargaggoota Oromoo biyya keessaan hundaa’e KETO waliin hariiroo uumuun hojjechaa turte.

Mana barumsaa malees ganda sanaaf riqicha ijaarsisuu dandeesseetti. Boodarra carraa barnoota bilisaa babal’isuu irratti hojjechaa turteetti. Sosochii “Cultivate Change”, “Educaation for All” jedhuun hawwaasa Oromoo addunyaa mara ira jiru dadammaqsuun misooma baadiyyaa Oromiyaaf nama hojjetaa turte dha.

Afaan Oromoo, Afaan Dhalootaa

Urgeen hawaasa Oromoo Washingitan DC jiran waliin dhimma uummata Oromoo irratti mariyachuuf yeroo imaltu Gaazexeessaa Abdii Fiixee waliin turtii taasisteen Awustiraaliyaatti dhalattee Afaan Oromoo qulqulluu akkamitti haasa’uu akka barte dubbattee turte.

Abbaan Urgee Obbo Fiqaaduu Diinagdeen waggootii 38 dura gara Awustiraaliyaa kan deeman. Mana keessaa abbaafi haati ishee ijoolee isaaniin kan walii galan Afaan Oromootiin waan ta’eef daa’imman isaanii hunduu Afaan dhalootaa taasifatan.

Urgeen Afaan Oromoon haasa’uu qofa osoo hin taane barreessuun illee baayyee hin rakkisuun ture. Hawaasni Oromoo biyya hambaatti maatii horan, daa’immaan isaaniif bu’uura afaanii ta’uu qabu jettees amanti.

Tagany Bafiqaaduutiin

07/12/2023
03/12/2023
01/12/2023

01/12/2023

Export donkey 🐎

29/11/2023

See the definition and get more information about unique mobile app credit spends for advertising on Meta technologies.

27/11/2023
Irrhin hafina
27/11/2023

Irrhin hafina

21/11/2023

Thank You Oromo People

Address

Oromia
Deder

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sisiy Hundessaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sisiy Hundessaa:

Share