30/03/2026
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Gama Dirree Dhawaa Erga Dhufe Booda Shaakalaa Jalqabaa Taasise.
Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Waaliyaan tapha deebii gulaallii ramaddii duraa waancaa Afrikaa bara 2027 morkataasaa Saa'oo Toomee fi Piriinsippee waliin Dirree Dhawaatti taasisuuf arraan tana gara magaalaa Dirree Dhawaa eega dhufe booda galgala kana immoo Istaadiyeemii Idil-addunyaa Dirree Dhawaatti shaakala isaa jalqabaa taasisee jira.
Shaakala jalqabaa Istaadiyeemii idil-addunyaa Dirree Dhawaatti taasifame kanarratti duursaa taphattootaa Gaatooch Paanooom dabalatee miseensonni garichaa hundi arkamanii jiran.
Komishinarri Komishiinii dargaggoo fi ispoortii bulchiinsa Dirree Dhawaa Kaaliid Mahammadii fi akkasumaas taphataan duraanii garee biyyaalessa Itoophiyaa Saamsoon Mikaa'eel shaakala garichaa daawwatanii jiran.
Waaliyaawwan tapha jalqabaa Jimmata dabre Morookootti gaggeeyfameen Saa'oo Toomee fi Piriinsippee goolii 3 fi 0'n injifachuun isaanii ni yaadatama.
Waggoota 5'nan dabran Istaadiyeemiin ulaagaa ''CAF fi FIFA'' guutu dhabauudhaan walqabatee tapha dirree isaatti qabu, biyya alaatti taasisuuf kan dirqame gareen biyyaalessaa Itoophiyaa, Istaadiyeemiin Idil -addunyaa Dirree Dhawaa hayyama 'CAF' arkachuu hordofee tapha deebii kibxata dhufu, Saa'oo Toomee fi Piriinsippee waliin taasifamu, Istaadiyeemii idil Addunyaa Dirree Dhawaa kan rakkoo istaadiyeemii biyya mudateef furmaata jalqabaa tahee tajaajilaa jirutti tapha jalqabaa isaa ni taasisa ja'ameeti eegama.
Taphni deebii gareewwan lamaan taasisan ammoo guyyaa Kibxataa waaree booda sa'aa 10:00 irraa eegalee Istaadiyeemii Idil-addunyaa Dirree Dhawaatti gaggeeyfama.
Suuraan: Israa'eel Muluu