21/08/2025
Haadha warraa tahuudhaaf,wajji nyaachuun qofti gahaa miti,wajji jiraachuun qofti gahaa miti,wajji imaluun qofti gahaa miti,ilmaan walitti horuun qofti gahaa miti,uffataafi ilillii walii bituun qofti gahaa miti,mana baldhaa keessa wajji galuun qofti gahaa miti,konkolaataa wal-badhaasuun qofti gahaa miti,affeerraa laaqanaatiifi bashannanni biyyarraa biyyatti taasifamu qofti gahaa miti,ija keessaa imimmaan walii harcaasuun qofti gahaa miti,cidhaafi waca keessatti wal faarsuun qofti gahaa mitii beeki.
ila
Haadha warraatiifi abbaan warrummaa,namooma walii guutuudha,kabaja maatii guddaan malu walii laatuudha,alaafi manatti kabaja waliif malu walii kennuudha,keessaa gabbatanii atootanii ititanii wal-wajjiin mul'tuudha,dhukkubaafi rakkinarratti wal utubuudha,bakka hidhaafi baqaatti ciniinnataa rakkoo hinjifachuudhaaf carraquudha,guddisa ilmaanii irratti cichanii hortee gaarii hawaasaaf gumaachuudha,namooma guutanii argamuudha, bakka wal-bira hinjirretti du'aa'ii iccitiidhaan walii godhuudha,hadhaafi abbaa waliitiif obsaafi adaba walii qabaachuudha,hortee ufii walii kabajuudhaa beeki.
Yoooo
Jireenni meeshaafi bu'aa irratti hundaahe,harki fuudhuufi kennuu irratti amala bade,ijji muuziifi burtukaana arguu malee hujiifi jiruu arguu irratti daangofte umriin gabaabaadhaa hubadhu.
Jaaloo
Dammaafi sukkaarri arraba mi'eessu malee jiruu hin mi'eessanii beeki,yoo mi'aa dhugaa taate immoo,sukkaara irra sooqiddatu irra hujii guddaa qabaa taajjabi,kan ati barbaadduufi kan si barbaachisu adda baafachuu dadhabuun isa kanaa xiinxalli.
Obbolaa
Haadha warraa keetiif abbaa warraa tahuu feeta taanaan,waan dhandhamamu qofa bitteefii galuu osoo hin taane,waan dhama qabu dalaguu filadhu, tooftaan jiruu ittiin toohattu,dhama dhiirummaati malee dhangaa ganamaafi galgala guurtee ittiin galtu mitii argi.
Yooooo
Dhiirsi hedduun dhiira tahuu kan dadhabeef,haati warraa isaa dadhabsiistuu taatee osoo hin taane, isumatu yaadaan dadhabaa waan taheedhaafii argi.
Cush Land Sufian Ousman Page