05/08/2022
Yaalii Abbaa Jifaariin Kiristaanummaa Kaasuu
š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„š„
Kutaa 3ffaa
šÆšÆšÆšÆšÆ
Abbaan Jifaar muudannoolee adda addaatiin gabroota bilisa baasuu ture. Keessattuu wogguuyyuu baatii Ramadaanaa keessa gabroota dhibbaatamatti lakkaaāaman bilisa baasuu ture.
/ Mohammed Naser, Economic History of Abba Jifar II 1878-1930, Haile Sillasie I University 1973, p.17/
Aalimoota jaalachuu isaanii irraa kan kaāe Ulamoota Itoophiyaan ala jiraniifuu kennaa laatuun qiraata (barsiisuu) irratti ni jajjabeessuu turan. Fakkeenyaaf waytichatti Sheekh Habiiballaah kan jedhaman Aalimni beekamoon Makkaa keessatti akka barsiisan yommuu dhagahan āBarsiisuu irratti itticimaaā jechuudhaan worqee waqeetii tokko erganiifii jiru.
/ Waaāee Seenaa Jimmaa ilmi ilma Abbaa Jifaarii Arabiffaan kan Barreessan /
Waaāee Muslimoota biyya isaanii qofa osoo hin taane waaāee Muslimoota biyyoota biroo keessa jiraataniitis ni gaafatuu ture. A.L.A 1910-11tti Jimmaan keessa kan ture lammii Ingilizii kan taāe Henrii Derlin āBiyya Biriitaaniyaa keessa Muslimoota hangamiittu jira?ā jedhanii akka isa gaafatan barreesseera. Abbaan Jifaar gaafii fakkaataa lammii Xaaliyaanii kan taāe D/r Enriikoo Cheruliif dhiheessaniifii turan.
Doktorichi āMuslimoonni Xaaliyaanii keessa jiran Jimmaan keessa kanneen jiraatan irraa dachaa soddomaan ni caaluā jechuun kijibuun deebiseef. Taāus garuu kijibee hin miliqne. Abbaan Jifaar D/r Cherulii afaan Arabiffaatiin dubbisan; qormaatas qormaatan. Haataāu malee qormaaticha darbuun isa dhibe. Yeroo san Abbaan Jifaar āMuslimoonni Jimmaan irraa dachaa soddoma kan ittiin caalan Xaaliyaanii irraa yoo dhufte gaafiilee koo deebisuu qabdaa ture. Ykn immoo soba keetiā jechuun danqaa keessa galchanu. Sobuu isaatis mirkaneessan.
/ Ketebo Abdiyo, p.42/
Abbaan Jifaar jireenya isaanii kan dhuunfaatti gochoota waaqeffannaa (Ibaadaa) irraa kan of hin dagne turan. Keessummaan kamuu yoo ittidhufu saāaatii Salaataa hin dabarsanuu turan.
Keessummicha teessisanii sagaduu ture. A.L.A Amajjii guyyaa 8, 1898tti gara Jimmaa imalee keessummaa Abbaa Jifaar kan ture Aleeksaandar Bilaatovich akkana jechuun barreesseera:
āDaqiiwwaan muraasa akka taphanneen yeroon sagada (Salaata) waarii waan gaheef Abbaan Jifaar xiqqoo akka isa eegu dhiifama na gaafatanu. Namoota isatti dhihaatan wajjiin xiqqoo gara qaccee achi bahee dhiqachuu eegale. Ashikarri tokko maastaaxabiyyaa gurra meetiitiin (meetii irraa kan hojjetameen) bishaan isaaf fideetiin Abbaan Jifaar buāuura dambii Islaamummaatiin kadhataatiin harkeen, miila, laphee, mataafi ceequu isaa dhiqate. Fuula isaa gara dhihaa joorsisee sagadus jalqabe. Sirritti dukkanaaāeera...
keessummaa Awuurooppaatiif ⦠qondaalli Islaamaa (kun) kadhannaan godhu kan nama raajuufi abjuu kan fakkaatu ture. ⦠Abbaan Jifaar laakkooftuu isaa lakkaayaatiifi qalbeeffannaan kadhataatiin sagada. ⦠Abbaan Jifaar kadhannaa isaa akka fixeen tarii sirna Islaamummaa sirritti beekuu isaa Awurooppichaaf muldhisuu isaatiin taāuun hin hafuu, akkaan gammadeetiin lamuu barcumaa isaa irra taaāe.ā
/ Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/
Aleeksaandar barreeffama isaa kanaan āAkkaan gammadeetiin ittideebiāee barcumaa isaa irra taaāeā akkuma jedhetti Abbaan Jifaar Salaata irraa gammachuu argataniiti malee isatti akka fakkaatetti Salaata Awurooppaanatti muldhisuu isaaniitinii miti; sababni isaatis seera Islaamummaatiin Salaata kaayyoo nama birootti muldhifachuuf jedhuun sagaduun Salaaticha fudhatama dhabamsiisuu isaatiin olitti dhuunficha ni balaaleffachiisa.
Abbaan Jifaar adduunyaa irratti Khaliifaan Islaamaa (Otomaan Turki) akka injifatu hawwiifi fedhii olaanaa qabaataa turan. Waaāee hooggantuu Khaliifichaa tan turtee Turkii odeeffannoo walitti niqabuus ture. Hordofaa amantii Kiristaanaa kan ture Aleksaandar Bilaatovichiin isuma kana gaafatanii turan. āMootichis waaāee Istaanbul (Turkii) fi Misri (Gibxii) wanta baayāee erga nagaafateen booda āIstaanbul biyyoota addunya irra jiran hunda keessaa jabduudha kan jedhamu dhugaadha moo?ā naan jedhe. Anis kana Araboonni kan oofan oduu hunde-maleessa (kijibsiisuun waan narra tureef) mooticha hammamtaanis taāu osoo hin gaddisiifne hin hafneā yoo jedhu Aleeksaandar barreesseera.
/ Aleeksaandar Bilaatoovich, Raayyaa Atsee Minilik Wajjiin, fuula 21/
Aleksaandar akka taajjabeetti yeroo hundaa Abbaan Jifaar cinaa isaaniitiin Sheekhota teessisaa turan. Yeroo hundaa āKullu mulkin yazuul; wamulkillaahu laa Yazuul"
(Mootummaan hundinuu dhabamaadha; Mootummaan Allaaha garuu hin dhabamu (siranaawaadha) jedhuu ture.
/ Ketebo Abdiyo, p.39/
Taāuusaatiinis amantii akaakuu akkanaa kan qabaataa turan Sulxaan Abbaa Jifaariin Atseen Minilik gara Kiristaanummaa seensiisuuf yaaluun isaanii akka uggiinsaatti kan lakkaaāamu ture. Atseen Minilik Abbaa Jifaaritti intala isaanii Zawdituu itti heerumsiisuuf barbaadanii turan. Haataāu malee gaaāilchi akka raawwatamuuf jecha Abbaan Jifaar Kiristaanummaa akka kaāan gaafataman. Hayla Maariyaam Gooshuu manguddoolii Jimmaa wabeeffachuun akka barreessetti osoo Kiristaanummaa kaāanii silaa dhaalaa aangoo isaanii ni taasifatuu ture. Abbaan Jifaar Islaamummaa dhiisuufi Kiristaanummaa kaāuun wantaa hin yaadamne taāuusaatiin fedhiin Atsee Minilik kufaa taāe.
/ Haile Mariam Goshu, the Kingdom of Abba Jifar II (1861-1934), p.41/
Itti fufaaā¦
Ahmedin Jebel-į įįį²į įį į