05/06/2022
🏆🎼🎵🏆
BADHAASA HAACAALUU HUNDEESSAA
(HACHALU HUNDESSA AWARD (HHA))
Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaatiin qophaa’ee waggaatti yeroo tokko kan dhiyaatu Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa (Hachalu Hundessa Award) gosoota dorgommii kudhaniin hojiilee muuziqaa wal dorgomsiisee sirna badhaasaa hawwataa fi miidhagaa ta’e irratti beekamtii kenna.
Artiist Haacaaluu Hundeessaa muuziqaatti fayyadamuun kabajamuu mirga dhala namaa, wal-qixxummaa fi haqaaf qabsaa’aa kan ture yoo ta’u, Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa artistii qaalii yaadachuun cinaatti kaayyoon isaa akka galma gahuu fi duudhaaleen (Legacy) isaa akka itti fufan gochuuf shoora olaanaa qabaata.
Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa bara-baraan sirna badhaasaa guyyaa Haacaaluu Hundeessaa itti wareegame, Waxabajjii 29 (Waxabajjii 22 A.L.I) qophaa’a.
Faawundeeshiniin Haacaaluu Hundeessaa bara darbe hundaa’ee erga hojii eegalee booda qopheessaa kan ture Badhaasni Haacaaluu Hundeessaa (Hachalu Hundessa Award) kan jalqabaa fi seena qabeessa ta’e Waxabajjii 29 bara 2022 raawwata.
Badhaasa Haacaaluu Hundeessaa jalqabaatiin hojiileen muuziqaa Afaan Oromoo guyyaa Haacaaluu Hundeessaa wareegame, Waxabajjii 29 bara 2020 hanga Bitootessa 31 bara 2022 bahan gosoota dorgammii 10 armaan gaditti tarraa’an jalatti dorgommiif dhiyaatu.
1. Sirba cimaa bara kanaa
2. Kiliippii muuziqaa cimaa bara kanaa
3. Walaloo muuziqaa cimaa bara kanaa
4. Yeedaloo muuziqaa cimaa bara kanaa
5. Qindeessaa muziqaa cimaa bara kanaa
6. Daayireektara kilippii muziqaa cimaa bara kanaa
7. Editara kiliippii muziqaa cimaa bara kanaa
8. Sinimaatogiraafii kilippii muuziqaa cimaa bara kanaa
9. Artistii dhiiraa haaraa cimaa bara kanaa
10. Artistii durbaa haaraa cimtuu bara kanaa
Haaluma kanaan, ogeeyyiin dhimma kana irratti hojjatan filatamanii sirboota Afaan Oromoo yeroo olitti daangeffame keessa bahan madaaluun, gosoota badhaasa afuriin kanneen uummatni irratti sagalee kennuu qabu adda baasanii jiru.
Isinis marsariitii https://hachaluhundessaaward.org irratti sagalee kennuuf qopha'aa.
Ulfaadhaa!
Faawundeeshinii Haacaaluu Hundeessaa!